A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Guyyaa har’aa Kamsaa, deparmantiin mana fayyaa Iowa se’aati 24 keessati namni 13 dabalataan sababa

Guyyaa har’aa Kamsaa, deparmantiin mana fayyaa Iowa se’aati 24 keessati namni 13 dabalataan sababa Covid-19 kan du’an yoo ta’u, namnni 650 haarawa qabamu gabaasan.

Manni fayyaa Sioux land magaala Woodbury County keessati namni 11 dabalataan qabamu gabaaasan.

Governor Iowa Kim Reynolds odeefanno dabalataa kenniteef warra mana barumsaatif kamsaa kana baratoota qaaman barattuuf.

Akka isiin jetteti barattooni yoo Covid-19 qabaman, seeraa warra C_D_C waliin deemun akka adda ufbaasani taa’an itti himama. Haataumalee, barsiisoni waan “Hojjatootta Barbaachisaa” akka ta’anitti waan laalamaniif malattoo homa ka hin mullisinii dalagaa isaani itti fufuu ni danda’u.

Aanaan baruumsa dhuunfaan karoora dhuunfa isaani fiduu ni danda’u.

Haasawan hawaasa mana barumsaa Sioux City akka jedhetti seerri fayyaa haga silaa gad hin dhiifamne.

Miseensi Hawaas siouxland oromo baa’en guyyaa har’aa hiriira nagahaa kaa biraa ajjeecha Ethiopia godhamuu balaalefachuuf bahaniiru.

Haguugi fulla ufachuun fi dhaadanno adda addaa qabaachuun Mary J.Treglia Community house irraa jalqabanii gara Jaarmaa federal garaa magaala qixeetti deemaniiru.

Bakka buutu U.S senetar Chuck Grassley waal arganniru.

Hiriiri kunniisi erga sirbaan fi politikaali beekama Haacalu hundeessa du’e booda lammii oromoo Ethiopia keessati du’uuf xiyyeeffannaa akka kenamuuf godhee jira.

Kunis eega inni June keessa du’e as hiriira marsaa afraffaati.

Akkaata odeefanni guutuuaddunyaa irraa arganetti, ajeechan isaa hiriiri torbaan dheeraf itti fufee. Seraan ala oromooo fixuuf qawwee hidhaatanii magaala keessa deemu, biyyi waraanan marfamuu, garreen ummata ajjeesu, manniin gubuu akkasumas geejiba ummata gubanii balleesun ittuma fufu jira. Torbaan muraasa dura mootuman akka gabaasetti namni 239 du’uu gabaasan.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content