A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Governor Kim Reynolds jiraatota Iowa kuma kudhanin lakkaawaman warra yakamtoota Iowa keessa turaniif

Governor Kim Reynolds jiraatota Iowa kuma kudhanin lakkaawaman warra yakamtoota Iowa keessa turaniif mirga filannoo jaraa deebisuuf malatteesite.

Akaa qaratti state Iowa qofa kan warri yakkamooni mirga filannoo hin qabne, hanga hayyama iyyanaa governor irraa argatanitti.

Ajajni Reynolds kan laalattu ummata murtii isaani geessan qofa, akkasumas qoqqoopi isaa fixate.  

Kan ajjeesan yookin ajjeesudhan kan itti murtaa’e keessati hin dabalu, garuu seera kaniinin kan walfakkeessan gaafachu ni danda’u.

Ajajnii kaffaltii nama miidhame san hin gaafatu.

Magaala Woodbury County keessati dabalataan guyyaa har’a namni coronavirus qabame tokko yoo ta’u, kan du’es nama tokko ta’uu himan waliigalatti namni due 51 dha.

Du’a nama du’e san dursanii guyyaa wiyxata saafaya deparmaanti mana fayyaa Iowa tiin gabaafame jira.

Manni fayyaa Sioux land namicha umriin isaa 61-80 jiru warra isaatif garaanyaaatumsa dhugaa akka erganif himan.

Dakota County keessati namni lama dabalataan qabamuu gabaafame.

State Iowa keessati sababa Covid-19 maalaqa  gara $ million 100 gargaarsaf mootuman naanicha baase jira.

Dollaari million 60 magaala dirqama barbaachisu kan kenname yoo ta’u dollaara million 40 Counties dhanitti kan ergameedha.

Governor Kim Reynolds akka jetteti qarqaarsi kun kan baheef waan akka PPE, mashaa qulqullinaa ykn sanitizing, buaa waarshadhani, bu’aa oomishtoota, Meshaa qilleensaa nama kenuu yknVentilator, kaffaltii fayyaa umataatif, uf eeganno dhuunfatif, hojattoota yeroo emergency tiif fi kaffaltii geejjiba dabalataa.

geggeessaa magaala Sioux City akka jedhitti projecti kana irrati, magaalan Sioux City dollaara million 1.9 sababa Covid-19 akka fudhachuu dandeetu himan.

Baankin nyaata Sioux land fi Tyson nyaata tolaa akka ummata kennan karoorfatan.

Torbaan tarte, pirootiinii pound kan 40,000 caalu daddafiti ergamee jira.

Trakni fooni kan biraa immo boritti hin qophaaya bakka YMCA South Sioux tti. Se’aatin itti jalqabu saafiya se’ati12:00pm irraa haga foon sututti ittuma fufa, kennaan kun kan ummataaf kennamu jiru sadaffaati akksumas kan irra guddaati sababa covid-19 irraa kahe.

Galatooma

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content