A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Manni fayyaa Siouxland dabalatan guyyaa har’a namni lama sababa Covid-19 magaala Woodbury country

Manni fayyaa Siouxland dabalatan guyyaa har’a namni lama sababa Covid-19 magaala Woodbury country kessatti du’uu gabaase. Namni haarawa qabames nama 50 dha. Lakkofsii guyyaa kibxata nama qabame waliigalatati muldhisu nama 2,300 oli dha.

Magaala Dakota County keessati namni coronavirus harawni du’e 2 yoo ta’u kan haarawa qabame hinjiruu, nami waliigalati du’e magaala kana kessati 16 yoo ta’u kan qabame immoo 1,500 dha. Magaala Woodbury fi Dakota counties keessatti namni du’e 36 gahee jira.

Governor Kim Reynolds conference har’a irratti akka jetteti mootuman sababa covid-19, ummani egumsaa kampanidhan irra akka dhukubni kuni hin kaa’in akka amantuu himte.

Akkaata dokmanti oduu Associeted himeti, Iowa OSHA torbaan lama ol kan yaale fi deebi kamapani Tyson food kan Perry keessati argamuu April argate.

Sanbooda hojatooni uf eegana godhuuf yalin godhan qoranna malee quubsa ta’era jedhan.

Kampanichi erga cufame turban tokko booda, hojattooni 700 ol covid-19 qabamu gabaasan.

Magaala Sioux city summer kan keesa waa’e poolii irratti beeysisa baasuu karoorfatani jiru.

Yeroo baay’e ayyaana yaadannotii ykn (Memorial Day) guyyaa Assanbati fi Gidirsanbata bakewaan bishaani bana ture. Governor kim garuu pooliin martu hanga may 27 akka cufamuu jette, sunis kan ta’u harbaa dhuftuudha.

Isiin hataattamaan wan ta’u qabu fi haaromsu qabdu walumaan hojjana jette.

Magaala kunis karoora CDC kan hordafuu qabuu.

CDC akka jedheti coronavirus poolii, hot tubas, spas ykn bakka bishaan itti tapahataan keessati akka dadarbuu ragaa hin qabnu jedhan. Garuu waliira fagenyii amoo rakkodha ykn ni ulfaata. 

Yeroo amma hojattooni kan akka barumans daaki fi hojii garee xiqaa barsiisuf soqa jirani.

Ammati nami baay’en sababa covid-19 qarqaarsa bill waan barbaduuf, kanaa gotachuu jirani.

Community Action Agency kan siouxland galii xiqqaa kan qabanif gargaarsi godhamu yookin LIHEAP dhaf hanga June 30th qofa jedan.

Averigin mallaqaa abbaan mana tokko keenamuf $400, oduu dabalata argachuudhaf community Agency Siouxland walqunama.

Related Content