Manni fayyaa Iowa akka gabeesetti Eastern Iowa keessati daa’imni lama dhukuba coronavirus wal fakkatu qabamu himan. Kunis multisystem inflammatory syndrome kan jedhamudha.
Warri Centers for the Disease Controlakka qabaaseti dhukubni syndrome kun hoo’aa fi I’iitahu qaama namatti fida. Akkasumas tolchanii ufi eegu qabdan.
Director state medical akka jedheti waarra fi ijoolenis qajeelcha fayyaa hordafuu qabu. Kunis kan walqabatu kan akka harka dhiqachuu, walirraa fageenya eegachu fi haguugii fuula fayyadamu yoo namarra faana 6 fagaachu hin danda’in
Ijoole lamaan Eastern Iowa kessaatti dhukubsatan kun irraa lash jechu jira.
National media akka gabaaseti sababa dhukuba kana magaala New York keessati ijoolen 3 du’uun hima.
State official akka himetti, kutaa Iowa keessati namni du’e 3 dabalataan jiraachu fi waliigalatti namni du’e sababa COVID-19 nama 355 gahuu dubatan.
Magaala Woodbury county keessati sababa covid-19 namni 1 dabalatan du’uufi waliigalati namni du’e 18 gahee jira. Magaala Dakota keessati duuti 10. Magaala lamaan kana keessati namni waligalati Covid-19 qabame 3,800 yoo ta’u kana keesa 700 magaala Woodbury keesayi.
Babal’insa coronavirus dhaabuf dhiiba godhame hinjiramoo kan jedhu yaada kampanini booyye kan Iowa erga fudhate booda akka sakkata’iinsaf hayyama hintaane Associated gabaasa hime.
Iyyano OSHA ti April 11 iyyyatame akka namni Tyson Food Plant ka Perry Iowa keessa dalagu himeti, bakka dalagaa keenneti namni ciqilee ciqileeti waltuqa dalagaa, akkka faani 6 walirra fagaachu hin jire dubate.
Akka galmee mul’isutti OSHAn erga oduu kan dhagahe kampani osoo hin gaafatin guyyaa 9 eege. Akkasumas kampanichis deebi kana deebisuf guyyaa 8 fudhate.
Erga oduun kun himame turban tokko boode kampanicha keessati hojatoni 730 coronavirus qabamun beekame.
Akkasumas Wiyxara har’a tojajili interneeta fi kebalii yeroo muraasaf magaala Sioux City keessati bade jira. Kampanini spark light akka jedhe facebook irratti gadii dhisee, sababa fiber line citeen rakkin kun umame jedhe.