A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Guyyaa Jimaata May 15 irraa jalqabe state hunda irraa wantti qaraa dhogamee hunduu sababa covid-19

Guyyaa Jimaata May 15 irraa jalqabe state hunda irraa wantti qaraa dhogamee hunduu sababa covid-19 nika’a. Governor Kim Reynolds har’a ganama oduu coronavirus conference irratti akka beeksistetti business baaye akka dabalaman banamu himte.

Governor akka jetteti ammaf magaala 77 hundaa kessati kan akka mana nyaata, sport, manneen saloni fi bakka refensaa itti cirataan state keessati banamuu ni danda’ama, akkasumas eeganno fayyaa jabesuu waliin.

Haa ta’u malee manni dhugaati fi manni qumaara warroota hayyama banamu keesa hin jirani.

Itti aantu director mana ffayyaa Iowa Sara Resietter akka jette bisness kunnin keessatu uf eeganno guddaa akka godhamu qabu dubatte.

Resietter ammas akka jette yoo mana keeti gad bahuu feete walirra fageenya nama barbachisadha, akkasumas maski fuula godhachu keessatu faana 6 namarra fagaachu yoo hin danda’iin. Namni daqiiqa 30 ol nama coronavirus qabu walitti dhufeenya qabaate namni sun bulti 14 namaan add uuf baase turuu qaba jete.

Guyyaa har’a manni fayya Iowa akka gabaasetti namni 377 harawa coronavirus qabamu issa hime. Iowa keessatti waliigalatti namni qabame 13,289 gahee jira. Dabalataanis namni 17 du’uu himame. Magaala Woodbury manni fayyaa Sioux land namni 2 dabalatan du’uu fi namni 50 coronavirus harawni qabamu himan. Waliigalatti magaala Sioux City keessa namni qabame 2000 ol taree jira. Sababi covid-19 county kana kessati namni du’e 15 gahee jira.

Akkasummas governor waan Iowa sederka 3 itti dhihaachu haasoyte. Sadarkaa kunnis Qabanneessuu, Bayyanachu fi Gudachuu. Akka isiin jetteti amma nuuti sadarka bayyanachuu irra jirra. Akkasumas State marattuu dandeeti qorannon ummataaf godhamu oldebalee jira jette.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content