A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Oduu Guyyaa Har’a

Oduu Guyyaa Har’a

Bulchituun Iowa Kim Reynolds ummani dhukuba coronavirus irraa hagam akka fayyaa jiran amanu dadhabde.

Eastern Iowa keessatti namni coronavirus qabaman haarowni nama 97 yoo ta’u kan du’e nama 1, walii galati namni dhukuban qabame nama 1,145 gahanii jiru.

Yeroo amma haakima kan jiran nama 122 kan fayyan nama 431 ta’uu himame.

Akka Kim Reynolds jetteti namni 10% haakima jiran, sababni isiin jeteefis 38% waan dhukuba kaana irraa fayyaniif dha.

Manni fayyaa Siouxland akka himanitti namni 2 haarawa coronavirus kan qabame Woodbury County kesayii, waliigala woddbury County keessatti nama 11 gahu gabaasan.

Jiraatonni magaala kana haala qorranaa dhukuba kanara adeemsifamaa jiruu itti gammaduu isaani himan.

Magaala South Dakota keessatti dhukuba coronavaris kan qabe 25% ol kaa’uun himame, innis guyyatti baaye dabaluu mul’isa. Ammati nama 393 qabame yoo ta’u name 6 du’uun himame.

Nebraska keessatti name 2 dabalatan du’uun himame.

Kaan du’aan kuun lachuu dubartoota umriin isaaani guddaati akkasumas fayyaan isaani guutu ta’u dhabuun himame. Walii galatti namni baay’e du’e namni 478 qabamun himame.

Baanki nyaata Siouxland akka jedhanitti ja’a tarte keessatti nama mana hinqabninee ykn homeless shelter ffi bakka nyanii itti nama kenamutii nyaata baaye busuun isaani himame.

Itti gaafataman bank nyaata akka jedheti, sababa dhukuba coronavaris irra kan ka’e ummani qara rakkina nyaata hin beeyne amaa rakachuun isaani hime.

Itti gaafataman Woodbury county akka jedhetti mani murtii wayta seenan qorannoo akka godhaa seenan namni achi keesa dalaguufi ummani kuunis akka qorataman murteesse.

Namni mana murtii dhaqu barbaadu tokka jalqabaa qaxaarro qabaachu qaba.

Namumaa fedhe ta’u oo’i isaa 100.4  ykn sanii oli yoo kan ta’u akka hin seene himame.

Galatooma

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content