A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Oduu guyya har’a kutaa Iowa waa’ee dhukuba Korona virus

March 27, 2020

Oduu guyya har’a kutaa Iowa waa’ee dhukuba Korona virus irraa

Kutaa Iowa kesatti dutii 2 galmoyte jirti, sababa dhukuba karona virus tin. Kun walii galati kutaa Iowa keessa namni 3 du’uun isaa himameera.

Guyyaa jimaata manni haakima Iowa namni 56 dabalataan qabamuu himamee. Walii galatti namni dhukuba Kanaan qabame 235 gahaniiru. Namoota qorataman. keessa namooni 3,700 olta’an dhukuba kanarra bilisaa ta’uun himame.

Lakkofsi jiraattota Sioux land dhukuba kanan qabaman dabalaa deemu jira. Akka sumas magaalota woodburry, Monona fi Dickinson County keesatti dhukuba Kanaan kan qabaman namaa 8 gahanii jiru. Namni haarawa qabaman hundu nama umrii 61 fi Sanaa olta’aniidha.

Akkasumas magaala woodburry county keessatti qormani Drive-through karona varasi Jimaata irra jalqabamuu isaa himame.

Garuu qoranno kun nama maraaf miti, namoota doktorooni jaraa akka qorataman ajajee qofaadha.

Magaala woodburry county keessatti dhukuba karono varasiin kan qabame nama 3 ta’uun himameera.

Kutaa Nebraska keesa dhukuba infuleenzaa irrati oduu bareeda jira. Akka CDC gabaasetti babal’inni dhukuba influenza magaala irra naanno tokkotti deebi’e jira. Akkasumas kuta South Dakotas  sanuma. Garuu kutaan Iowa keesatti Infulunza kun babal’achu jira.

Akkasums lakkofsi Unemployment kan February har’a gadi dhiifame jira. Ji’a taree kutaa Iowa keesaatti kan argame 2.8% dha. Kutaa Nebraska keessati ammo 2.9% ta’uun isaa beekame.

Haata’u malee babal’inna dhukuba irra kan ka’e magaala suuland keessatti dalagaan dhaabachu irra kan ka’e umanii unemployment gutatu turban taree keesa baaye dabalee. Kutaa Iowa keessati namonin 42,000 gutate, waan torbaan taree calaa 17% dabalee.

Harkii guddan namoota 13,000 ol kanturas namoota mana nyaati fi dhugaati keesa kan dalagu ta’uun himame sababa mootuman March 17 akka cufamu godheef.

Guyyaa Kamisa, bulchaan magaala akaa jedhanitii manii nyataa akaa chufamuu hagaa April 7 tti.

Itti gaafataman waldaa mana nyaata akka jedhanitti harki 20% manii nyaata kanniini debi’u dhabuu mala jedhaniiru.

Nebraska keessatti, unemployment kaan guutate nama 16,000 gahee jira. Namni 799 waan torbaan tartee irra calaa dabalamee.

South Dakota keessati namaa 1,700 olkan ta’an hojii  dhabdummaa kan gutatanidha. Waan turban tartee irra harka 907% kan dabalee ta’uu himame.

Sababa dhukuba corona virus irraa kan ka’ee magaalan Sioux City dhaabata garii cufani jiruu. Dhabanii kunnin kan akka City Hall, Long Lines, Public Museum fii Art Center kan ta’aniidha.

Garuu magalaan guutun hin cufamtu beelaman nama gabaabsani akka dalagamu taasifame. Kan hin cufamne kaa akka ummata hura guru, geejiba ummata fi buufata xiyyaara qofa.

Bakkeewan kan akka ifaa, bishaan fi parking itti kafalan hanga Aprlil 30 kafaluuf yoo turtaan qixaatin kaffalti hin jiru jedhani jiruu.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content