A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Namni corona virus qabamu Iowa keessati akkuma guddataa deemu jira.

Oromo News 10/20/20

Namni corona virus qabamu Iowa keessati akkuma guddataa deemu jira. Iowa guyyaan sababa Covid-19 nama due baaye gabaaste jirti. Guyyaa har’aa namni sababa corana virus due 31 yoo tau waliigalatti haarawa kan qabame ammo 1,276 dha. State namni waliigalatti due 1,579 dha. Akka gabaasa website corona virus guyyaa har’aa namni corona virus qabame 646 dha.

Kaleesa, ogeessa fayyaa akka state guututi namni qabame 108,297 ta’uu gabaasan, guyyaa har’aamo lakkoofsi gara 109,573 guddate jira. Akkasumas, sababa corona virus jiraattoni Iowa 534 hospitaala galanii jiru, guyyaa kaleessa kan hospitaala turan nama 501 ture. Warra hospitaala jira kana keessa namni 134 ICU keessa kan jiran yoo tau 49 ammoo ventilators fayyadamu jiru.

Guyyaa har’aa, manni fayyaa Sioux land Woodbury county keessati namni haarawa qabame 29 ta’uu gabaasan. Kunis akka County waliigalatti namni qabame gara 6,859 dha.

Warrii SDHD namni sadihii corona virus kan qabame akka gabaasan, kunis namni county keessati due gara nama 93 gahee jira jechuudha.

Ogeesi akka jedhetti namni dua kana keessati argamu umriin isaa 41-60 dha, akkasumas nama umriin deema dhiira tookko fi dubartii umriin deemte takkaadha, lachuu umriin isaani 81 dha.

Woodbury County keessati namni ammati sababa Covid-19 hispitaala jiruu 66 dha. Kanniin keessa namni 44 county keesa kan jiraataniidha.

Governor Iowa Kim Reynolds guyyaa kamsaa U.S Sen. Joni Ernst, repaplikaana kan tatee filannoof qarqqarudha Sioux City keessati qophii nigooti. Qopheenis se’aati 2:45 kan jalqabu ta’a bakka 700 Pierce st Iowa keessati.

Distiriktiin repuplikaana congerasii 4th Randy Feenstra nis senator Ernst qarqaaruf haasawa godha. Ernst, yeroo jalqabaf U.S senate bara 2014 kan filatamedha, isinis Theresa Greenfield tan dimocratica waal dorgomtee turtee october.12 tti.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content