A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Namichi Sioux City hidhaan degree tookoffaa inni murtaahe fi seela jaladuuma qabaa eda galagala eega

Namichi Sioux City hidhaan degree tookoffaa inni murtaahe fi seela jaladuuma qabaa eda galagala eega Sioux City keessati nama waraane booda.

Tokko kan waraaname nama dhiira umrii 37 yoo tau kan biraamo dubraa umrii 43 tti. lachuu MercyOne jiruu namichia kan dhiira kan due yoo tai intalii tan dubartii yaalamu jirti.

Namichii shakammaan eega nama waarane seaati tokkoof walakkaa booda karaa 21st fi Nebraska naanawa sanirra kan sochauu argamee jira.

Michael Landrum kan umrii 54 kan tae har’aa seaati booda mana dhugaati duuba mana hidha Woodbury County argama.

Abaan seera ammati namoota waraanaman maqaa isaani dabalatee odeefanno kennuu akka hin dandeene himan.

Haatau male, gaazexaan Sioux City akka gabaaseti waldhabiin kan uumame sababa bilbilii baduu irraa kan kae jedhan.

Kun Sioux City keessati ajeecha lamaffaaf godhameedha.

Aanan hawaasa mana barumsaa Sioux City barattoota fi hojattoota keessa namni 8 dabalataan Covid-19 qabamuu dubbatan. Akka oduun jetuti mana fayyaa siouxland district akka himeti namni qabame keessa namni 4 barattoota yoo ta’u 4 ammoo hojattoota. Nama kaniin walitti dhufeenya kan qaban laalamu jiru.district baqqa dhuqubni kun jiru hin himne.haatau malee, guyyaa kaleesa dura buaan mana barumsa barattoota kutaa 2ffaa mana barumsa Nodland keessaati namni baaye sababa Covid-19 qabamuu irraa kan kae barumsaa kara online deebisani jiru. (Mana barumsaati kan deebian September 23rd dha). Torbaan tarte namni qabame baaye gabaafame ture.

Iowa keesati sababa Covid-19 namni dabalataan du’uuu himan waliigaltti namni due 1,211 gaheera. Namni haarawa qabame 850 yoo tau waliigalati namni qabame 73,000 gaheera. Website corona virus Woodbury County keessati namni haarawa 40 qabamu gabaase.waliigalatti namni due 58 gaheera.

(Kun Kanaan osoo jiru, South Dakota keesati namni haarawa qabame 263 yoo tau namni haarawa duemmoo 4 dha. Nebraska keessati nama 6 dabalataan kan duan yootau 450 ammoo haarawa qabamaniiru, nama 8 haarawa qabaman kan Dakota County dabalatee).

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content