Babalinni Corona Virus Iowa keessati akkuma itti fufe jira, data akka mullisutti namni hospitaala galanii fi kan laalamu jiran guyyaa ayyaan dafqaan bultoota ykn Labor Day akka baaye olgudatte jiru himan.
Department mana fayyaa Iowa akka gabaaseti guyyaa kibxata namni qabame 345 dha, guyyaa dafqaan bultoota qorannoo godhame keessati lakkoofsa xiqqaadha.
Nama 6 dabalataan kan du’e yoo ta’u waliigalatti namni due 1,173 gaheera.
Sababa Covid-19 namni tokko Woodbury County kessati dabalataan kan due yoo tau waliigalatti namni due 58 gaheera. Deparmantiin mana fayyaa Iowa namni haarawa qabame 20 yoo ta’u waliigalatti namni qabame Woodbury County keessati 4,300 gaheera. Dakota County keessati namni haarawa qabame 10 dha. Waliigalatti namni due 43 dha.
Counties sadihii northwest Iowa keessati namni onlinedhaan barachuuf kan godhu 15% dha. Sioux, Plymouth fi Lyon keessati namni corona virus qabame harka 19-21% gaheera. Woodbury County keessati harka 12.4% guddachuu jira.
Hospitaala Nebraska gargaarsa dabalataa kan corona virus federaala gaafachu jirani. Ogeessi Association mana fayyaa Nebraska akka jedheti akkuma virus gudachaa deemu jirutti galii haakima xiqqaachu jira.
Hoteeli historic kan downtown Sioux City kan waggaa kudha afran darbeef cufame ture guyyaa sanbataa kan banamu tau.
Sanbata amma dhufturraa jalqabe, namni Warrior Hotel akka taa’u danda’an gabaafame.
Hotel Warrior fi gamoon adjacent Davidson bakka bohaarti keessumoota 148, apparmanti 22 fi Marriott Autograph Collection irra deebi’amee haarowfamee jira.
Hoteelichi bakka itti waahajaman hedduu qaba steakhouse, mana dhugaati, bowling alley, spa fi kan biraas. Muraasni jaraa torbaan muraasa booda hanga jiaati kan hin banamne ta’a.
Sanbata hoteelaf “soft opening” ture .gamoon Davidson ammo November keessa banama.