A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Lakkoofsi nama hojii dhabdummaa guutate erga sababa corona virus rakkoon baayen irra gahe booda gad

Lakkoofsi nama hojii dhabdummaa guutate erga sababa corona virus rakkoon baayen irra gahe booda gad xiqqaachu jalqabe. September keessa 4.7% gad xiqqaate erga jia shan keessati.

Biroon hojattoota Iowa akka jedhetti namni hojii dhabdummaa guutatu August as persanti 6% xiqqaate jira. hoji dhabdooni U.S September keessa 7.9% ture.

Namni corona virus qabamu Iowa fi Sioux land keessati gudataa deemu jira. Guyyaa har’aa Woodbury County keessati nama 35 qabame, akkasuma dubartiin takka du’uus himan. Namni 63 sababa corona virus hospitaala galee jira. County namna waliigalatti qabame 6,008 ol akka ta’e fi namni duemoo 90 dha.

State akka gabaasetti namni hospitaala jiru sababa Covid-19 501 yoo tau namni 14 ammoo duanii jiru. Guyyaa har’a Iowa keessati namni qabame 727 dha.

Yeroo muraasa duraa state namni 1,548 Covid-19 waliin walqabatee kan duan yoo tau akkasumas nama kuma 100 taruttu qabame.

Ogeessi fayyaa South Dakota nama harawa qabame 562 guyyaa har’aa gabaasaniiru, kunis state waliigalatti gara 33,466 ol guddisa.

Akkaata gabaasa deparmantii mana state, South Dakota keessati kale ganama irraa jalqabe namni haarawa qabame 53 dha. Ammati namni South Dakota hospitaala kan jiru 329 dha, yeroo jalqabaati erga dhukubni kun jalqabe booda kan ol guddateedha.

Nebraska lakoofsa nama sababa corona virus hospitaala galuu dabalaa deemu jira, akkasumas warren biraa kan qorannoon godhames sababa Covid-19 du’anii jiru.

State akka jedhetti lakkoofsi nama hospitaala gale sababa virus guyyaa wiyxata nama 380 dabale. Rekardi 343 akka tare himan. Recordi haarawa 64% May 27 kan ture nama 232 kan taruudha.

Guyyaa har’aa Nebraska keessati namni haarawa qabame 750 dha namni haarawa duemmoo 11 dha.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content