Deparmantiin mana fayyaa Iowa namni haarawa Covid-19 qabame 600 ol yoo ta’u namni sababa dhukubaa Kanaan haarawa du’emmoo 1 dha.
Waliigalatti akka dhukubni kun jalqabe irraa Iowa keesaatti namni walii gale qabame 80,600 yoo tau kan duemmoo 1,267 dha.
Woodbury County keessati erga guyyaa 14 kan qabaman laalamani booda namni waliigalatti qabame percanti 15% akka gahe gabaafame.
Kunnis seera mana barumsaa irrati akka murtaaheti barumsi online irrati akka deebiu kan godhuudha. Sioux County harka guddaa 30% gaheera. Northwest Iowa counties keessati harka 15% gaheera, threshold kan akka Lyon, Osceola, Plymouth, Sac fi Ida dha.
Manna fayyaa Siouxland akka gabaaseti Woodbury County se’aati 24 keessati namni qabame 58 dha. Namni 32 ammoo sababa virus kanan hospitaala kan jiraniidha.
Dakota County keesati namni haarawa qabame 34 yoo ta’u, waliigalatti namni qabame 2,154. Waliigalati kan du’emmoo 43 gaheera.
Nebraska keessati harki 40% sababa Virus kan due mana haakima keessa akka ture gabaasan. Akka state ti namni 185 kan due mana haakimtoota keessati akka tae kan gabaafameedha, waliigalatti kutaa akka gabaaseti namni due 442 dha.
Ittigaafatamtooni state sababa mana haakima eeguf jecha maqaa dhuunfa isaani akka hin himne gabaasan.
Ogeessi state Iowa waa’e mana haakima kana irraa odeefannoo gad dhiise ture. Ammatti dhiiba irraa kan geese northwest Iowa Plymouth County lama wajiin, fi O,Brien tokko walini. Iowa keessati bakki duuti baaye itti argamte bakka long-term care facilities keessaayu.