A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Dirreen Xayyaari America October irraa jalqabee magaala Sioux City dabalatee magaala U.S. 15

Dirreen Xayyaari America October irraa jalqabee magaala Sioux City dabalatee magaala U.S. 15 keessati kan jalqabu ta’a.

Itti gaafatam naanawa akka jedheti sochiin kan jalqabu ammaaf October 7th fi kan balaliinsi November 3rd ittai kan jalqabu ta’a.

Waggaadhan muraasa dura wayta Delta gabaa keessa bahu haali Sioux City illee walfakkaata ture, garuu magaalatin hojiidhaf barbaachistuu waan turteef Chicago dhaaf hojachuu hin dhiisne. 

Mootummaan dirree xayyaaraatif yoo gargaarsa dabalataa hin kennin jijjiiramoota biraa ija keessa kan galchuu akka tae American himanii jiru.

Kuni Kanaan osoo jiru, United Express October qixxee irraa jalqabee Denver dhaaf tajaajila wayta jalqabu Sioux City dhaaf karaan west akka banamuuf himame.

Manni fayyaa Department Iowa fi Governor Kim Reynolds akka jedhanitti computer “glitch” kan jia tarte keessa nama coronavirus qabame kan likkii hin himin akka sirraasan himan. Haatu malee, dura buaan deparmantii dhuma July irrati rakkoo kana akka beeyte turte himte.

Guyyaa har’aa kutaan Iowa nama 9 sababa Covid-19 akka duan gabaasaniiru akkasumas waliigalatti namni harawa Qabame 293 dha, akkaata Coronavirus.Iowa.gov website ti.

Har’a seaati 10 a.m irratti waliigalatti sababa Covid-19 nama due 1,012 akka gahe himan. Woodbury keessati namni haarawa qabame 25 yoo tau waliigalatti nama 3,868 gaheera, namni waliigalatti duemmo County keessati 54, akkaata mana fayyaa Siouxland irrati.

North west Iowa county keessati namni Covid-19 qabamu baayachu jira.

Plymouth County tti torbaan lama keessati namni Covid-19 qabame harka 17% guddatee jira hanga kamsaati. Harki 15% olii aana mana barumsaa keessati qaaman barachuura gara online barachuuti akka jijjiiramuu himan.

Ogeesi fayyaa akka jedhetti namni qabame torbaaniti harka lamaan dabalee jiraa kan qabames 554 dha.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content