A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Governor Iowa Kim Reynolds ajaja haarawa baastetti sababa balaa qilleensa Iowa keessati argame

Governor Iowa Kim Reynolds ajaja haarawa baastetti sababa balaa qilleensa  Iowa keessati argame saniif fi kaleessa Iowa keessati rakkina guddaa geesite. Har’atti ummata ka 400,000 oltuu ifaa malee taau jira sababa sararri ifaa cite irraa, kunis kan cite bubbeen seaati tokkoo keessati mile 100 waan deemtef dha. Sirnaan state akka jedhetti ifaa kana deebisuf guyyaa muraasa nutti fudhata jedhe.

Barattooni mana barumsaa Sioux City keessa jiran barumsaa haala makaatin jalqabuuf karoora irra jiru. kunis mana barumsaa deemuni fi online dhaan kan baratan ta’a. erga eda galgala mormiin se’aati muraasaf godhame booda, boardin mana barumsaa karoora “mana barumsaati deebi’u” haala walmakaa ta’een akka jalqabamu murteessan. Karrori kunis torbaaan sadi fudhata fi itti ajajaan Dr.Paul Gausman yoo kan gaafatu fageessu murtesu qabani.

Gausman akka jedhetti walitti makaan barumsaa hagam akka dheeratu haala Covid-19 irrati laalame kan murtaahu taha. Barattoon maqaan akaakayyu isaani A-M jidduu jiru barumsaa guyyaa wiyxataa fi kamsaa kan hordofan ta’a akkasumas kan N-Z irraa ka’u kibxataa fi jimaata kan barumsa isaani hordofan ta’a.

Haguugin fuula wayta baasa yaabatanii fi wayta mana barumsaa seenanis godhachuun dirqama.

Iowa keessati namni waliigalatti Covid-19 qabame 49,186 ta’uu gabaasan, waliigalatti kan du’an ammo 935 gahuu himame.

Northwest Iowa keessati, Woodbury County keessati waliigalatti namni qabame 3,728 yoo ta’u kan du’emmoo 52 akka gahe himame.

Karaan xiyyaara Sioux City kara Denver October irraa jalqabe balali’uu kan jalqabu ta’a.

Bulchaan Bob Scott dirree xayyaara SKYwest irrati united Express Flights akka dabale hime. Balaliin jalqaba dirree xayyaara Sioux City Gateaway irraa kan karoorfame October 14th akka ta’e himan.

Balaliin Sioux city qaraa kara Denvar godhaan kan dhumaa bara 2015 keessa kan godhame ture.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content