A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Kaluu kan nama corona virus qabame Iowa keessatti kan lakkoofsa se’aati 24 keessati kan guyyaa

Kaluu kan nama corona virus qabame Iowa keessatti kan lakkoofsa se’aati 24 keessati kan guyyaa harbaa hanga kamsaa ganamaati qabaman harka lamaan akka dabale jiru himan, waliigalatti State keessati namni qabame 40,600 gaheera. Walii galatti kan duemmoo 818 dha.

Akka manni fayyaa Sioux land gabaasetti Woodbury County keessati namni lama dabalataan Covid-19 qabamuu himan waliigalatti namni qabame 3,508 yoo ta’u kan duemmoo 47 dha.

Waldaan mana fayyaa Iowa, haguugi fuula akka biyyaati akka godhatamu gaafachu jiru. Warra tola hojjatan, warra nama hin qoonne fi jarreen kunis mana barumsaati wayta barattooni deebitu jijjiiramni akka argamu fedhan akkasumas saganta summer illee dabalate.

Akka waldaan jedhetti “balaan fayyaa cinqaa, sodaa fi amanamummaa warraa , barsiisotaa fi bulchitoota jidduuti uuma” jedhan.

Kuni akkanati osoo jiru, deparmentin mana fayyaa Iowa fi Governor Kim Reynolds duula dammaqsaa haarawa gad dhiifte, ummata Iowa gorsuuf akka mana fayyaa Iowa ajaja gad dhiise jala deemanif, wayta ummata keessa bahan akka haguugi fuula godhatanif.

Governor akka jetteti Covid-19 yeroon inni nurra dhabattu fagodhaa, kanaafu uf duubatti deebi’u hin fedhu jette.

Akka isiin jetteti ummani addaan fageenya ufii eegu qaba, uf eeganno gahaa akka godhan fi yoo dhukubsatan akka mana taa’an.

Hojattooni Iowa muraasa torbaan tarte hojii dhabdummaa guutatani jiru. Iowa Workforce development akka gabaasetti namni hojii dhabdummaa guutate 9,505 dha. hojattoota Iowa keessa dalagan garuu bakka biraa kan galan dabalate. Kunis torbaan dura jirurraa 10,000 gadbu’ee jira.

Lakkoofsi guddaan kan dhufee warra kaampani keessa hojataniidha. jiraattonni Iowa 116,000 qarqaarsa hojii dhabdummaa argachu jiru. Kunis torbaan duraara 18,000 gad xiqqaate jira.

Magaalan Nebraska keessati namni coronavirus qabamu akkuma itti fufe jira, waliigalatti namni qabame 23,500 namni waliigalatti du’emmoo 311 dha. Guyyaa 14 darbe kana keessatti Dakota County nama corona virus qabame 31 dha.

South Dakota keessati namni haarawa qabame 58 yoo ta’u, waliigalati ka qabame nama 8,100 dha waliigalatti kan duemoo 119 dha. dua lama kan Union keesaafi Yankton Counties dabalate.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content