A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Manni fayyaa Sioux land namni baayen dabalataan magaala Woodbury County keessati corona virus qabamu

Manni fayyaa Sioux land namni baayen dabalataan magaala Woodbury County keessati corona virus qabamuu gabaasan, waliigalatti namni qabame 3,245 gaheera. County keessati namni waliigalatti du’e 44 gaheera.

Kutaan Iowas akka duuti haarawa hin jirre gabaaste, namni haarawa qabame se’atii 24 keessati nama 400 ol dha. Sababa Covid-19 namni Iowa keessati du’e nama 721 gaheera, namni qixeen isaa namota Long-term facilities keessa jiraataniidha.

Magaala Nebraska keessatti namoota 19,900 oltu qabamee jira fi namni du’es 284 gaheera nama 37 Dakota County dabalatee. ogeesi fayyaa akka himetti namni haarawa 4 guyyaa wiyxata qabamuu fi waliigalatti namni qabame 1,793 gaheera.

South Dakota namni haarawa dabalataa 42 qabamuu himan, waliigalatti namni qabame 7,105 gaheera, waliigalatti namni du’emmoo 97 dha. Magaala Union County namni qabame 137 gaheera.

Governor South Dakota, Kristi Noem wayta president Trump’s magaala Rushmore tti Visit gochuuf deemta dhukubichaan qabamte. Noem wayta guyyaa jimaata travel gootu hiriyyaa mucaa Trum’p wajjiin walitti dhufeenya guddaa qaban ture. Hiriyyaan isaas virus dhaan qabamte turte. Dubbataan noem’s akka himetti governor fi umannii plane keessa jirraan haguugi fuula hin ufanne turte akkasumas wayta Washington D.C deebian waliin haasaha turan.

Manni murtii federaala ajaja warra Dakota ti akka tubbboo bishaan dabarsuu akka cufamuu hanga qorannoon qulqulinna naanno geefamuti ajaje. Tubboon bishaan dabarsu waggaa sadi guutudhaf zeeyti keessa deemu ture.

Garuu akka distictiin US jedhetti April keessa tubboon bishaani kun zeeytiidhan kan walmake ture, kanaafu seerri federaala naannawa tolchanii irra deebi’ani laalun baaye barbaachisa ta’uu himani.

Wiyxata akka abbaan seera himetti tubboon kun baaye zeeytin waan walitti makamee bade jiruuf jala sararee tubboon kun akka cufamuu murteesa jira. Gusti Rock tribe kun erga zeyti North Dakota irraa fudhachuu jalqabanillee mormiitti jiruu.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content