A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Magaala Sioux City kessaatti namni coronavirus qabame guyyaa kamsa akka baay’e oldabale himame

Magaala Sioux City kessaatti namni coronavirus qabame guyyaa kamsa akka baay’e oldabale himame.

Magaala Dakota County keessattile bay’ee oldabaluun isaa himan. Namni haarawni coronavirus qabame 133 yoo ta’u waligalati nama 246 gahe jira.

Kunis guyya tokko keessatti harka lama dabaluu mul’isa.

Magaala Woodbury county yeroo tokkotti namni coronavirus qabamu guddataa deema jira. Namni haarawni 46 coronavirus qabame waliigalati nama 158 gahe jira. Kaa fayye amoo 28.

Itti gaafataman mana fayya Siouxland akka jedheti, dhukubni Kun olgudataatuma deema sababaa qorannaan guddaa waan godhama jiruf.

Kutaa Iowa kessati namni haarawni coronavaris qabame 176 yoo ta’u, waliigalati nama 4,000 gahanii jiru. Harka ¼ kan ta’u magaala Woodbury county keesayi.

Namni haarawa coronavirus du’e 6 yoo ta’u, waliigalatti nama 96 gahee jira.

Magaala Winnebago Tribe keessatti yeroo jalqabatiif namni coronavirus qabame argamu himame.

Namni sunis qoratame amma mana akka jiruu fi haala gaari irra jiraachu himan.

Akkasumaas umani jara galgala sa’ati 7:00pm irraa – 5:00am akka manaa hin bane dhogame jira, kunis akka dhukubni kunii waliigadi hinfafacanee dhoguuf jicha.

Kampani Interbake Foods kan North Sioux City kessati argamus sababa hojataan tokko coronavirus qabamuraa kan ka’e cufamuu isaa himame.

Kampanichi qulqullesa akka jiranis himan.

Namni nama saniin walitti dhufenya qaban hundi bulti 14 akka adda ufii ofi egaan himan.

Dorgomiin makinaa kan North Sioux City keessatti godhamu sababa dhiba Govrnor Neom fi waraa CDC irraa kan ka’e dawatoota malee akka taphatamu godhame.

Beksisni kunis facebook irratti himame.

Kampanichi tikeeta 700 ol gurguree ture, mallaqni sunis akka umattaf deebi’u himame.

Taphachis TV irratti kan mul’atuudha.

Kutaan Iowa qoranoo kesati hirmachun dhukuba kanaaf jecha $26 million kan kafale yoo ta’u, kunis Nebersaka keessattis itti fufaa jira.

Galatooma

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content