A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Iowa keessatti namni haarawa coronavirus qabame 257 yoo ta’u waliigalatti nama 3,100 gahuun himame

Manni fayya Iowa akka himanitti namni 4 dabalataan du’uun, waliigalati namnii sababa coronavirus du’ee nama 79 gahee jira.

Iowa keessatti namni haarawa coronavirus qabame 257 yoo ta’u waliigalatti nama 3,100 gahuun himame.

Akkasumas namni 214 hospitaala jiraachu himame.

Governor Kim Reynols akka har’a conference irrati dubateti dutii qiixxeen oli kan dhufte bakka long-term care facilities irraayii.

Guyyaa Gidirsanbata Kutaa Iowa kessatti namni haarawi coronavirus qabame 400 yoo ta’uu, yeroo ammati guyyaa tokko keesa namni kun marti qabamuun nama sodaachisa jedhani jiru.

Ummani coronavirus qabame harkii 3 kesa 2 kan ta’an namoota kampani Tyson fi Nationa Beef kaa Tama keessa kan hojataniidha.

Warri State meeshale coronavirusin qorataman hojattooni akka qorataman kara waarshadhaniti erguu isaa himan.

Media Sioux land kampani Tyson fi Dakota City ykn Storm Lake hasawaa waliin godhe, sababni isaas hojattoni isanii dhukubaa kaanan qabamanii  beekkuuf.

Haasayan kampani akka hojattota keessa coronavirus qabame himee garuu namni hagam akaa qabame himuu didani.

Magaala Woodbury County kessatti namni harowni coronavirus qabame 32 yoo ta’uu waliigalatti nama 75 gahuu himame. Namni haarawin qabame harki 3 ol nama umrii 18 – 40 tti.

Akkasuma magaala Dakota County keessati kaleesa namni qabame bayee dabalee,  nama 66 ol tuu qabame jedhani jiruu.

Kampani Tyson akka jedheti wayta hojattotni seena oo’a laala akka jiru hime. Akkasuumas mask fuula akaa keenaa jiran, bakka dalaganitii hojattotni adaan fageenyan akka dhaabatani fi taa’an taasise jira. Hojattotni yoo dhukubsatani akka mana ta’aan beeksise, akkasuman hojatooni dhukubsatan wayta dalaga deebi’aan waraqaa raga haakimarra akka fidu qaban himan.

Kampanichi dhukubni kun hagam takka akka Tyson midhee yoo kagaafatani jarii himuu hinfedhaan, kuunis maalif akka tahee hin bekkamne.

Galaatoma

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content