A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Seeraan kutta fayyaa akka jedheti guyyaa haar’a namni haarawa corona virus qabame 804, akkaata gabaa

Oromo News 02/05/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni  Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Seeraan kutta fayyaa akka jedheti guyyaa haar’a namni haarawa corona virus qabame 804, akkaata gabaasa website coronavirus.iowa.gov. akkasumatti se’ati 24 keessati namni haarawa du’e 44 dha, waligalatti namni du’e Kuta keessati 5,067 gaheera.

Iowa qorannoo bultii 14 godhan keessati parsantiidhan 9.1% gaheera, kunis qorannoo guyyaa kamsaa godhame 9.3% irraa gadxiqqaate jira.

Woodbury County keessati namni waliigalati du’e 200 gahee jira. guyyaa har’aa Aanaan fayyaa Siouxland  akka jedheti County keessati namni waliigalatti covid-19 qabame 201 gaheera. IDPH data akka mullisuti namni waliigalatti covid-19 qabaman ammo 13,300 taree jira.

Sioux City Symphony Orchestra Iowa Arts fi culture recovery sagaanta  argatanii jiru. Governor sagaanta fooyya’uu irraa Sioux City Symphony Orchestra uumudhaf niqarqaara. Tajaajili Iowa guutu keessati fi laaltota sanniin bira darbees kan biraa bira geesuf kan bal’atu ta’a.

December 2020, Gov. Kim Reynolds Releif fi Eegumsa dinaagdee dhaan Iowa arts fi Aadaa warshaa qarqaarudhaf dolaara miliyoona 7 qarqaarsa corona virus kan kenname akka kennitu himte.

Barsiisoni baruumsa aanaa Sioux City  akka jedhenitti wayta dhukkuba Kun akkana jiru kan akeessati wayta barsiisan keessati miindaa jaraa akka dabaluu qabu himan.

Akkaata gaazexa Sioux City jedheti, akka gabaasa kale bahetti, Sioux City Waaldaa Baruumsa akka gaafateti kaffalti dabalataa barsisotaaf $1,200 akka tau gabaasan. Waliigalatti, miindaan jaraa waggaa dhuftu parsantii 4 dhaan kan dabalu ta’a.  

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content