A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Lakkoofsi jiraattota Iowa sababa Covid-19 du’anii 4,000 gaheera, guyyaa har’aa qofa namni 61 du’uun

Oromo News 01/06/2021

Lakkoofsi jiraattota Iowa sababa Covid-19 du’anii 4,000 gaheera, guyyaa har’aa qofa namni 61 du’uun gabaasame.

Woodbury County keessati, seaati 24 keessati namni 94 haarawa qabamuu gabaafame waliigalatti namni qabame 12,500 yoo tau waliigalatti namni duemmoo 171 dha. Namni qabame amma walii galatti parsanttiidhan 16.8% gaheera. Qorannoon bultii 14 keessati godhame torbaan lama darban irraa 13.5% dabalee jira.

Dhukubnii haarowni, state shan keessati virus corona virus haarawa argamee jira. Ogeessi fayyaa akka jedhetti haga amma laalametti Nebraska keessati argamuun nimala jedhu.

Ogeessi fayyaa akka jedhetti dhiiban haarawni hospitaala Nebraska keessati akka fiduu malu waan jedhaniif rakkoon laalamu mala jedhan.

Virus haarawni England akka haarawati lockdown deebise jira, fi virusichi California, Florida, New York, Georgia fi olaa Colorado sene jira.

Abaa murtii federaala tokko president Trump’s kaampaani fooni irrati “critical infrastructure” Tyson sababadhukubicha namaduee seera akka itti dhihaatan hime.

Capital Dispatch kan Iowa akka jedhanitti hojattooni bakka nyaata oduu dogongoraa kan duaa irrati kenname himatta baaye kan laalaniidha.

Manni fayyaa Siouxland Woodbury County keessati Pfizer fi Moderna vaccine ilaalchisa harowmsiisa godhee jira.

Oduun gad dhiifame akka jedhutti birraan barana kan 2021 kara summer yokkin bonaa ittii siiqu nimala jedhan.

Ammati qorannoo talaali 1A kan kennamaa jiru hojattoota fayaa fi warra jiraatottaa long-term care fi warra dalagdoota kan kennamuudha. 

Hojattooni fayyaa torbaan dhuftu keessatti warraa fayyaa irrati akka xiyyafata deman himan.

Ogeesii fayyaa Dakota County yeroo kaluuti talaali 1B akka argachuu malan himan. Kunis kan hayyamu nama umriin deeme fi waggaa 75 ta’an kan fudhataniidha. Akka jarri jetteti ummani deparmanti fayyaa bilbilani qaxaroo qabsiifachudhaf.

Lakkoofsi kan ittii bilbiltan (402) 404-9469 English yookin (402) 404-1187 spanish dhaaf.

---

Oduun kan isiinif dhufee karaa warra Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa kessarrayii, hallaa gariidhan warra hawaasaa Siouxland baraa 2017 irra qarqaruu. Edeefannoo dabalataa yoo fetaan wa’ee Seaboard Triumph Foods maloo websayitii Sioux City Pork dot com sennaa lalaa.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content