A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Governor Iowa Kim Reynolds akka jetteti state talaali Covid-19 dabalataan ni argata jetten, haata’u

Oromo News 1/27/2021

Governor Iowa Kim Reynolds akka jetteti state talaali Covid-19 dabalataan ni argata jetten, haata’u malee ka ammaara baaye kan guddatuudha.

Iowa ammati talali coronavirus jiraatota kuma 19 tiif gahaa argatanii jirani torban tokko keessati.

Gov. Kim Reynolds akka jetteti torbaan dhuftu lakkoofsi sun kara parsantii 16% kan dabaluu ta’a innis kaluu kuma 26 tti. Nebraskan ammati talaali 23,500 argattee jirti.

Garuu lakkoofsi barbaachisu fi talaalin dhuf ammas xiqqadha kara phase 1-b dhaan. Kunis kan dabalatuu nama umriin isaani 65 fi sanii olta’an jalqabati kan kennamuudha, hojattoota mana barumsaa fi warroota olmaa da’imani hojattan  isaanis kuma 600 ol ta’aniidha.

Official fayyaa kan Siouxland talaali jalqaba warra ogeeyyi fayyaa ta’an keennee torbaan kan keessa kan fixu yootau, san booda nama umriin isaani 65 fi sanii ol tae irrati kan xiyyeefatu ta’a.

Kuni kanumaan osoojiru, namni Covid-19 qabamu Woodbury County keessati akkuma gadxiqqaate deemu jira.  Qorannoo bultii 14 keessatti godhameen parsantii 8.7% dha. Torbaan darbanii keessa gad xiqqaate jira. Lakkoofsi nama due waliigalati nama 181 dha guyyaa shananiif.

Guyyaa harbaa, deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaaseti namni haarawa sababa Covid-19 kan due 8 yoo tau waliigalati namni due 4,500 dha.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content