A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffa Anii Fatiya.

Oromo News 02/03/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni  Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffa Anii Fatiya.

Haalli qilleensa dabalataan har’aa galgalaa irraa hangaa boriiti Siouxland keessa kan darbu ta’a. National Weather Service Office akka jedhetti qilleensi daddafiin  darbu kun Snow inche lama tau akka fiduu dandau fi bubbee seaati tokko keessati miles 45 akka deemu malu himan.

Guyyaa borii Siouxland, Woodbury County, Dakota, fi Union Counties dabalatee hanga galgalaati qilleensa winter akka argatan himan.

Bakkeen Siouxland muraasni blizzard warning jala kan seenan ta’a. bubbeen kun erga darbe booda haalli qilleensi qorraa kan dabalu ta’a, lakkoofsi temperature torban dhufu keessa kara duwaa kan gad xiqqaatu ta’a.

State Iowa guyyaa har’a namni haarawa Covid-19 56 kan due yoo tau, seati 24 keessati namni 2,000 haaraawa kan qabameedha. Lakkoofi kunis lakkoofsa guyyaa kaleessa kan dabalu ta’a.

Waliigalatti namni Iowa keessati sababa Covid-19 due 5,000 gahee jirra, Woodbury County keessati nama 198 dabalatee.

Qorannii bultii 14 keessati parsanttiidhan namni qabame 7.8% gahee jira.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaaseti talaali corona virus kennuudhaf Walgreen waliin dalaguuf malatteesan. Akka State guututi jiraattota Iowa dhaaf namni umriin isaani 65 ol taeef talaali 32,000 akka qophaahe jiru gabaasan.

Warriin seera kaniin guutan Walgreens tti akka qaxaroo qabaachu danda’an.

Clinic Talaallii Aanaa kan Woodbury County keessati torbaan dhuftu kan kennamu daddafitti akka guutame jiru.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content