A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Erga state Iowa sababa Covid-19 nama due 238 gabaasan booda seaati 24 keessati nama due haarawa hin

Oromo News 12/18/2020

Erga state Iowa sababa Covid-19 nama due 238 gabaasan booda seaati 24 keessati nama due haarawa hin gabaasne.

Namni haarawa qabame 1,900 dha state keessati namni qabamu xiqqaachu ittuma fufu jira.

Woodbury County keessati namni harawni qabame 62 dha, Dakota County keesaa ammo nama 9.

State akka gabaaseti namni hospitaala jiru 701 yoo tau namni 96 covid-19 kan qabameedha seaati 24 keessati itti dabalame. Lakkoofsi lamaanu torbaan laman darbe irrraa kan xiqqaatedha. Hospitaala Sioux City lamaan keessati dhukubsattooni 60 jira. Doctorri emergency gudichi deparmantii Unity point health dhukubicha kan akka hin babalanneef hir’isuuf seera dhukubicha akka hordafuu qabamu hime.

Aanan mana barumsa Sioux City gabaasa Covid-19 kan torbaani gabaasani jiru fi yeroo jalqabaaf barattoota fi hojattoota kan adda baafani taa’anhimee jira.

Torbaan darbe kana, gabaasni akka mulisutti barattoota 4 fi hoajattoota 6 virus dhaan qabame jira.

North Middle class lamaa ol yeroodhaf barumsa online irrati deebisani jiru.

Wiyxata galgala, boardin aana mana barumsa Sioux City akka odeessi dabalattaa kennamu filannoo filachuun warra barumsa irra oluu sababaa dhukubaa himuu murteesse. Miseensonni Boradi muraasa gabaasni dhukubicha mana barumsaa irrati rakkoo akka geesisa jiru himan.

Gabaasni akka mulisutti guyyaa kaleessa barattooni Covid-19 qabame 31 yoo tau waliigalati barattooni adda baafamani taau jiran 500 ol dha. Barattooni 400 ol ammo sababa biraatin kan bahanidha. guyyaa hojattooni 16 Covid-19 qabamu gabaafme ammati adda baafamani taa’u jiran ammo torba qofaadha.

Magaalan Sioux City Cone Park tubing hill fi ice skating rink guyyaa harba, December 23rd  kan banamu ta’a.

Sababa covid-19 namni seeni murtaahe lakkoofsan kan lafa kaahamu ta’a kanafu umanni ticket kan bitatu parki hanga isaa laalu qaba.

Haguugin fuula yeroo hunda kan godhatamuu qabuudha, keessa fi alattile.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content