A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Gaafiwan corona irrati kau deebi kennuuf jecha, manni barumsa Sioux City January 4th irraa jalqabe b

Oromo News 12/15/2020

Gaafiwan corona irrati kau deebi kennuuf jecha, manni barumsa Sioux City January 4th irraa jalqabe barumsa gara online irrati deebisuf karoora baafatani jiru. Boarding school engadda galgala erga marii godhan booda barumsi online irrati deebiu hayyaman torbaan lamaan barumsa akka jalqabiin, wayta boqonnan ayyaana sute booda. Kuni jechuunis torbaan lamaan jalqaba fi torbaan semester dhuma online irrati kan deebiu ta’a. barattooni qixxeen addaan qoodamuun wiyxataafi kamsaa kan deemaniidha, akkasumas qixxeen biraa ammo kibxataa fi jimaata kan deemaniidha.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa sababa Covid-19 namni 67 haarawa du’uu gabaasan akkasumas seaati 24 keessati namni haarawa 1,300 kan qabameedha.
Manni fayyaa Siouxland Woodbury County kessati namni haarawa qabame 41 yoo tau waliigalatti namni qabame 11,500 dha. Akka dhukubni jalqabe booda waliigalatti namni due 145 dha.

Dakota County keessati namni haarawa qabame 7 yoo tau waliigalatti ammo kan due 52 dha. Namni dhukuba Kanaan qabame parsantii jahaan gad xiqqaate jira.

Qorannoon bultii 14 keessati kan godhame Woodbury County keessati parsantii tokkoon gad xiqqaate jira innis amma parsanti 16.8% dha. Wannii kamuu parsantii 15% ol yoo kan tau aana keessati babalinna virus akka  gudatte mullisa.

Ogeessoni naanawa haguugi fuula fi seerri fayyaa kan biraa hagam barbaachisa akka tae himuudhaf  gabaasni puplic service qarqaarani jiru.

PSA bulchaa magaala Sioux City Mayor Bob Scott fi itti gaafatama fayyaa Woodbury fi Dakota kan qabattuudha.

Video gabaaba kanas bakka dhunfaa fi bakka dalagaati akka mullisan himan.

Gov. Kim Reynold’s kaffaltii damooza poolisoota kafaludhaaf birrii sababa dhukubicha kanaaf kenname $ million 10 fayyadama jiraachun beekame.

Kun kanumaan osoo jiru, governor akka jedhetti $ million 21 kan upgrading state information technology irrati debarfamuuf karoorfame gara qarqaarsa corona virus akka darbu himan.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content