A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 06.03.21

Oromo News 06/03/2021

 

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Seera raawata naanna Woodbury County tti waagaa hin eegamneen baaye kan guddate qarqaarsa project Covid-19 dhaaf kennamu kan ilaalatu akka jiru himan.

Gaazexan Sioux City akka gabaasetti boordi gama isaattin guyyaa kaleessa gara million $15.6 kaleessuudhaf gara mana hidhaatif kan kalaahan tarkaanfi hin fudhanne.

Project jalqabuudhaf  gimmitiin jalqaba kaahame gara Doolara million 34 ture. Garuu percent 36% baasi dabalataa kan qabuudha.

Governor Iowa Kim Reynolds akka jetteti filannoo 2022 kan irra deebitu akka taate himte.

Kaleessa Siouxland keessati warrii gaazexa kan gaafaten yoo Republican Chuck Grassley yeroo biraa dabalachuu hin yaadin akka isiin U.S senate dhaaf dorgamuu dandeetu himan. Reynolds akka jetteti “Iowa gad dhiisutti hin jirtu” fi fulduraaf ammo gabaasa kan baasan akka tae himan.

Waggaa afur dura wayta Terry Branstad U.S Ambassador kan china wayta tauuf deema Reynolds ammo bakka fudhate. Bara 2018 garee isiidhan waggaa afurif filatamte turte.

Waggaa darbe bakka corona virus dhaaf walitti qabamuu tae Sioux Falls meatpacking hojattooni Smithfield fi ummata jidduuti waliigalte contiraata erga dhaabate booda  aadma gochuuf yaadu jiru. Kirikirrin kunis damooza hojattootaa, baasi kafaltii fayyaa fi yeroo boqonnaa kan walqabatuudha.

Akkaata national weather irrati hundaahe guyyaa har’aa guyyaa hooa akka tae himan. Torbaan darbee naannowni Siouxland hooa digrii 30 keessa turan fi baradoole xiqqo kan argataniidha. Wayta sanbataafi gidirsanbata tartu garaa naanna 90s kan dhihaatu akka tae himan.

Ogeesi akka jedheti yeroo kamuu wayta alatti waadalagan keessatu wayta hooi ol guddate ummanni kamuu of eeggannoo aka gochuu qaban himan. Dabalataan ijoole teessan kamuu akka seati dheeradhaf makiina keessati hindhiifne. Summer official June 20th gahee jira.