Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.
Torbaan darbe dhuma irrati erga state seera haarawa baase booda maneen barnoota Iowa waaye haguugi fuula irra deebbiani qorachuu jiran.
Haatau malee, aanan mana barumsaa baayinnan, kan Sioux City keessa jiru dabaltee haguugi fuula ammas akka godhachuu qaban himan.
Deparmantiin mana fayyaa akka jedhanitti haguugi fuula filannoo akka tauu fi namni Covid-19 qabaman mana taa’us akka hin qabne himan.
Kunis hanga talaalin nama maraaf kennamu fi ijoole dhan kennamu godhachuu qaban kan jedhe seera CDC wajjiin kan walititi bu’uudha.
Guyyaa har’a irraa jalqabe Hy-Vee hojattoota fi warra maamiltoota kan talaali fudhatan haguugi fuula yoo godhachuu hin fedhin akka dhiisu danda’an himan. Oduun akka himtutti maamiltoota talaali hin fudhataniif akka haguugi fuula godhachuu qaban himan. Walmart fi Target illee gabaasuma wal fakkaatu himan.
Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaaseti sababa Covid-19 guyyaa har’a namni haarawa kan due akka hin jirre himan. Woodbury County keessati namni haarawa qabame 200 akka tae himan.
Akka dhukubni kun jalqabe irraa sababa Covid-19 namni 6006 akka due himan, kana keessa harki 40% long-term care facilities keesayi.
Naanowni Sioux city nama beelan miidhamef nyaata fidu jiran. Qonnaan bultooni nama nyaata barbaadaniif Families Food Box giveaway guyyaa kamsaa fi kamsaa torbaan itti aantu seati 10 a.m irrati parking Sunnybrook Community Church kan kennamu ta’a. warri drive-through ammo hope Center fi Community Action center tti kan kennamu ta’a. dura buaan Executive Community Action agency akka jedheti sababa dhukkuba akka baaye nyaatan midhaman himan.