A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News

Oromo News 04/27/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Dakota County keessati guyyaa kaleesa sababa Covid-19 namni haarawni 5 du’uu gabaase, waliigalatti namni due 76 gahee jira. Northeast Nebraska County keessani namni waliigalatti corona virus qabame 4,090 yoo tau qorranoo torbaan keessati godhamen parsantin wayta kaahan 3.75% dha, akkaata gabaasa Dakota County Health Deparmantiitti. Guyyaa kaleessa counties dhan Siouxland kan biraa kaleessa sababa Covid-19 namni haarawa due hin jiru.

Woodbury County keessati namni haarawa virus qabame 3 yoo tau, waliigalatti namni qabame 15,006 gahee jira akkata gabaasa deparmanti mana fayyaa Siouxland tti. Qorannoo bulti 14 keessati qodhameen namni qabame parsantiidhan wayta kaahamu 3.75% dha. Wanni kamuu parantii 5% ol yoo kan tau yaadessa akka tae himan. Aanan fayyaa akka gabaaseti guyyaa kaleessa hospitaala MercyOne Siouxland Medical center fi UnityPoint Health-St. Luke’s keesati namni 12 akka yaalama jiru gabaasan kunnis guyyaa sanbataati akka hin jijiiramin himan. Akka gabaasa guyyaa kaleesa seaati boodatti Woodbury County keessati namni talaali corona virus two-dose fudhatan nama 24,790 akka tae himan, kan biraas talaali corona virus tokko qofa kan fudhate nama 2,885 dha akkaata  gabaasa state tti. Kunis jiraattota biyyati keessa parsanti 27% dha.

Daldala Iowa, mana barumsaa fi facilities mootuma  keesati talaali corona virus kan hin qabne seera bakka san hin dandeene baasan. Waliigalatti, hojattooni mootuma Iowa keesati argaman hundimtuu nama tokko taarika talaali wajjiin waraqaa eenyuma akka hin baasane himan.

Sioux City Community School District June 7 irraa jalqabe hanga July 30 jidduu nyaata wayta sumer kennamu irratti akka hirmaatan himan, hanga Aug. 13 tti kan keennamu ta’a. bakkis July 5 tti kan cufamu ta’a. nyaannis kan argamu guyyaa wiyxata hanga jimaata ijoole umriin isaani 1-18 jidduu jiraniif kan kennamuudha. Ijoolen kaminuu nyaata ciree ganama snack fi lunch sack kan kennamu ta’a.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Deparmantiin mana fayyaa Iowa sababa Covid-19 namni haarawa due…