Oromo News 02/18/2021
Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.
Governor Nebraska akka jedhetti jiraattoni waliigala talaali Covid-19 kan fudhachuu jalqaban April fi May irraa akka tae hime.
Pete Ricketts gatii Johnson fi Johnson akka talaalin kennamu baayatu godhama.
State talaali kennuu kan jalqabu nama umriin isaa 50 hanga 64 ta’eedhani, kan itti aanu ammo 16-40 dha.
State akka himetti jiraattoni Nebraska 6.5% ta’an talaali corona virus lamaanu akka argatanii jiran himan. Nebraskan waliigalatti talaali parsantii 74 % argattee jirti.
Akka guyyaa harbaati Iowa, talaali corona virus akka biyyaati kan argatte sadarkaa 27th irraa akka jirtu himan kunis parsantii 11% kan taeedha.
Iowa tti, House fi Senate Republican guyyaa filannoo isaani 29 gara 18 kan hir’isani fi seera filannoo naanichaati jijjiirama hedduu kan baasu hordafuu jira.
Walgahii ummata dhagahuudhaf guyyaa wiyxata kan karoorfame yoo tau manni seera kamsaa dhufu dabarsee jira. Timeline kuni passing legislation irraa baaye kandandafuudha.
Western state fi State Siouxland sadii dabalatee, bakkeen baadiya 10 keessati jijjiiramni economy akka dabalee jira.haatau malee, hojattooni waggaa tarte osoo corona virus hin jalqabin dura kan jiran irraa baaye xiqaatani jiran. Walumaagalatti kasaa kan magaalatti January 52 irraa February gara 53.8 guddatee jira. Qabxii kamuu kan parsanti 50 ol tae dinnaagdee akka guddate mullisa.