Oromo News 02/05/2021
Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.
Seeraan kutta fayyaa akka jedheti guyyaa haar’a namni haarawa corona virus qabame 804, akkaata gabaasa website coronavirus.iowa.gov. akkasumatti se’ati 24 keessati namni haarawa du’e 44 dha, waligalatti namni du’e Kuta keessati 5,067 gaheera.
Iowa qorannoo bultii 14 godhan keessati parsantiidhan 9.1% gaheera, kunis qorannoo guyyaa kamsaa godhame 9.3% irraa gadxiqqaate jira.
Woodbury County keessati namni waliigalati du’e 200 gahee jira. guyyaa har’aa Aanaan fayyaa Siouxland akka jedheti County keessati namni waliigalatti covid-19 qabame 201 gaheera. IDPH data akka mullisuti namni waliigalatti covid-19 qabaman ammo 13,300 taree jira.
Sioux City Symphony Orchestra Iowa Arts fi culture recovery sagaanta argatanii jiru. Governor sagaanta fooyya’uu irraa Sioux City Symphony Orchestra uumudhaf niqarqaara. Tajaajili Iowa guutu keessati fi laaltota sanniin bira darbees kan biraa bira geesuf kan bal’atu ta’a.
December 2020, Gov. Kim Reynolds Releif fi Eegumsa dinaagdee dhaan Iowa arts fi Aadaa warshaa qarqaarudhaf dolaara miliyoona 7 qarqaarsa corona virus kan kenname akka kennitu himte.
Barsiisoni baruumsa aanaa Sioux City akka jedhenitti wayta dhukkuba Kun akkana jiru kan akeessati wayta barsiisan keessati miindaa jaraa akka dabaluu qabu himan.
Akkaata gaazexa Sioux City jedheti, akka gabaasa kale bahetti, Sioux City Waaldaa Baruumsa akka gaafateti kaffalti dabalataa barsisotaaf $1,200 akka tau gabaasan. Waliigalatti, miindaan jaraa waggaa dhuftu parsantii 4 dhaan kan dabalu ta’a.