A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Galmeen grim kan state South Dakota dhaa Covid-19 hallan akkuma guddataa dhufaa jirutti

Oromo News 10/29/20

Galmeen grim kan state South Dakota dhaa Covid-19 hallan akkuma guddataa dhufaa jirutti. Guyyaa tokko keessati namni haarawa du’e kan galmaahe nama 19 dha.

Kanaan dura, balaan du’aa baaye ji’a kana keessati guyya tokkoti namni due nama 14 qofa ture.  Namni haarawa qabames 1,000 ol dha.

South Dakotan State ammati halaa badda keessa jirtii sababa Corona virus namni qabamu, hospitaala nama seenu yaado keessa jirtuudha fi namni waliigalatti qabame 100,000 Country keessati,akkaata Data New York Times ibsetti.

North Dakota keessati ammas duuti baayachu jira.

Corona virus ammas Iowa keessati akkuma babal’ataa jiru jira waliigalatti namni haarawa qabame 2,400 yoo tau namni waliigalatti hospitaala jirummoo 600 dha.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka mullisutti County 25 keessati guyyaa 14 jiru kana keessati namni qabame parsantii 15% taree jira, kunis Counties state mara keessati dhukubni corona virus kun akka malee akka babal’achaa jiru kan mulisu ta’a.

Jalqabni 5 ol kanta’ee Northwest Iowa keessati O’Brien County keessati 3 yoo tau Woodbury County keessati 16.4% dha.

Gabaasni haarawa guyyaa nama harawa qabamuufi namni haarawa du’uu torbaan kana keessa baaye akka gudddate himan. Iowa keessati kamsaa namni haarawa due 11 ture, waliigalatti namni qabame gara 1,691 ol gadatee jira, Woodbury County keessati nama tokko kan due dabalatee, namni due kunis nama umriin isii 61-81 jiduu jiruudha.

Namni sababa corona virus hospitaala galuu Nebraska keessati gara 500 olgudatee jira akkasuman namni haarawa qabamu state keessatti akkuma guddate jira. Namni haarawa due 8 kan tau yoo tau namni haarawa qabame ammoo 1,200(1,169) dha.

Sababa Covid-19 warra mana hin qabane qarqaarun baaye kan ulfaatudha. Sagantaa Sioux land umanii ala buluuf jimaata dhufu November 6th Cone Parka dha. Nyaani Sioux land umata ala buluu 2005 kan jalqabame ture fi ejensii dhan kana nama qarqaaru 500 ol yaada qarqaarsa akka guddisan qarqaara. Galmaahudhaf, www.siouxlansleepout.org. laala.

Oduu dabalataaf warra mana hin qabane (homeless) laaludhaf gara Sioux land puplic Media fuula isaani deemun haasawa gaazexa Sioux land irraa aragchuu ni dandeessu.

Guyyaan filannoo as kalaahe jira, garuu warra hin galmaahinif guyyaan hin sunne filachii ni dandau.

Jiraatoni Iowa kan haga amma hin galmaahin galmaahu ni dandau akkasumas filachuu. Yewaan filachuu nama fedhuuf hagaa wiyxata Iowa, Nebraska fi South Dakota keessati kan banamu ta’a.

Bakken fillanoo Iowa see’ati 7 am irraa hanga 9 pm kan banamu ta’a.

Osoo hin deemin dura bakka laalachu qabadu bakki baayen jijjiirame jira. Waraqaan enyuuma filannoodhaf dirqama barbaachisa. Yoo ammati tessoo hin qabaatin raga qabatamaa galmaahu qabaachu qabadu.

Galatooma

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content