Miseensonni lama muumee Democrati Iowa kaan ta’an itti gaafatamtu kutaa Iowa Kim Reynolds dhaan akka ummani manaa gad hin bane akka ajajdu gaafataniiruu. Sababnii isaa dhukubni karona virus Iowa kessati dabala dhufuu isaa irra kan ka’ee.
Bakka buutun U.S. Cindy Axne akka jetteti turban kan keessa kutaan guutuuni akka uf eegumsa godhan. Akkasumas itti gaafatamtun Abby Finkenauer turban tarrale akkas jechuun dubatte turte. Jarri laman sagalee ummata ta’uudhan akaa Kim Reynolds hummnan wan kana hojiira oolchitu gaafataniiru. Kutaa Iowa keessati namni dhukuba korona virus qabaman 425 ka du’an ammo 6 gahuun isaa himame. Woodbury County keesseti namni korona virus qabame 4 gahee jira. Akka sumas kutaa Nebraska keessati nami 153 kan qabaman yoo ta’u 3 ammo du’un himame. South Dakota keessati ilee nama 101 qabamaniiru.
Kutaa Southeast South Dakota keessati dhukubni korona virus oldabala deemun isaa himame. Magaala Yankton County keessati itti gaafataman mana yaala akka jedhetti, sababii ummanii ofii eguun haali dhuukubni kun itti baay’atu gadi xiqqaata deema jirachuun himame.
Magaalan Vermillion keessati manni nyaata, mani dhugaati, mani bunaa fii kaan kanna fakkataan akka cufamu ajajamaniiru akka dhukubni hin babal’aneef jecha. Ajajni kun kan dhufe erga mani yaala South Dakota name haarawni 3 qabamu isaani beekame Clay County keessati.
Daangaawan Clay Yankton County akka himanitti torbaan kana keessati namni 4 korona virus qabamani jiruu.
Galatooma.