A Station for Everyone

Nebraska keessati, Gov. Pete Ricketts oduun guyyaa har’aa irrati akkajehetti seera haarawa fi seera

Your browser doesn’t support HTML5 audio

Oromo News 11/13/20

Nebraska keessati, Gov. Pete Ricketts oduun guyyaa har’aa irrati akkajehetti seera haarawa fi seera  fayya wan irraa dhoogaman karorra dhukubsattoota Covid-19 dhaaf baase dhukubsatoota siree hospitaala jiran parsantii 25% fi san ol ta’aniif.

Yoo lakkoofsi dhukubsattoota hagas baayate, mana keessati namni waligahu nama 10 qofa akka ta’uu fi warri manaan alatti wal gahu ammoo 25 akka tau qabu himan. Manneen dhugaatis kan cuffu ta’a, kan akaa manati nama geessuu, bitattani demuu fi mana cidhaa fi bakka du’aati nama 10 akka ta’uudha akkasumas wanni baqaqsanii yaalunis yeroo dhaf kan fagaatu ta’a.

Halkan edaati jalqabe, mana fayyaa Nebraska tti namni sababa corona virus qabame 905 yaalamu jirani. akka inni jedheti siren amma parsantii 20% kan fudhatameedha. Ammati daballii hospitaalatti mulatte, guyyaa murasaa dura erga lakkoofsi Nebraska keessati 25% kan gahe.

Corona virus ammas Woodbury County keessatii baayee baay’ataa deemu jira. Guyyaa har’a County keessati namni haarawa qabame 130 dha, waliigalatti namni qabame 8,913 gaheera. Namni waliigalatti due ammoo 105 dha, namni haarawa due ammoo hin jiru. Woodbury County parsantii 23% gaheera akkaata qorannoo guyaa 14 godhametti.

Iowa guyaa har’aa nama haarawa qabame baaye gabaaste jirti. State guyyaa har’a lakkoofsa takkaa qabame hin beeyne guyaa takkati namni 5,000 qabamee jira. Namni qabame baayen gara hospitaalatti ergamu jiru. Deparmantiin mana fayyaa Iowa se’aati 24 darban keessati namni haarawa qabame 5,065 dha. Namni haarawa due ammoo 19 dha, waliigalatti namni due 1,947 gaheera. Qorannoo guyyaa 7 godhame keessati parsanti nama qabame 51.4% dha guyaa kaleesa, fi lakkoofsi kunis biyyati guututi South Dakota kan aanudha.

South Dakota guyyaa har’aa nama haarawa qabame 1,611 dha.

Lakkoofsi kunis erga dhukubni kun jalqabe booda guyyaa tokkoti namni kun martuu qabamu harka lammafaa irra jirti. Lakkoofsi guddaan jalqaba guyyaa kealeesa nama haarawa qabame 2,000 erga qabame kan bahe booda. Ogeesi fayyaa akka gabaaseti namni tokko haarawa kan due umriin isaa 79 kan ta’eedha.

Sababa corona virus waggaa kana Sioux City ayyaani Downtown haalli isaa kan jijjiiramu ta’a.

Hanga ummani karaa irra dhaabatu, warii muldhisuu konkolataadhan kara irra kan deemu yokiin kan dhaabatuudha.

Aanan mana barumsaa Sioux City akka gabaaseti barattooni haarawa covid-19 qabaman 11 kan jira yoo tau hojattoota keessa ammo 21 akka ta’an gabaase.

Aanichi barumsa garii kan jijjiire yoo tau mana barumsa tokko kan Middle School barumsa gara online irrati deebise jira. Morningside STEM Elementary School class lama cufee gara online akka deebise gabaasan. akkasumas West Middle school November 25 irraa gara online akka deebisu hime, guyyaa Thanksgiving duraa.

Galatooma 

  • Facebook
  • Twitter
  • LinkedIn
  • Email
Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.