Mani fayya Iowa akka jedheti dhukubni korona Virus kun qabataman harka 52 akka dabale himan, walii galati Korona Virus kan qabaman 549 gahani jiru.
Guyya harba namni 2 dabalataan du’u himame, namni du’e kun lachu nama umrii 81 oliiti.
Magalawaan Iowa 99 keessa magaala 60 kessatti dhukubni Korona Virus kun argamuun isaa himame.
Itti gaafataman mana fayya State akka jedhaniti namni 63 haakima jiraachun himame.
Magaalan Sioux City dhukuba kana akka hin babal’anef jecha raawi baaye fudhacha jiraachu isaani beekame.
Magaalan Sioux City har’arra jalqabde bakka ijoole itti taphatu, bakka tapha teenisa, bakka tapha basketball, parkidhan saree, mana fincaani, shelterii fii bootawan kanniin fafakkaatu cufanii jiru.
Haa ta’u malee bootawan akka paarki, kan cycle itti oofan, kan itti figani fii karra milaan irra demaan ummataf banaa ta’uu himame.
Itti gaafataman Sioux City Bob Scott akka jedhetti qilleensa qulqulluu fudhachun barbaachisa jedhe, garuu kamtu caala akka isan baasu fi namuu faana 6 walirra fagaachuu yaala jedhe jira.
Dhukuba Korona Virus kanaratti wanni dhugaa hin ta’in addunyaa guutu Social media irratti akka dafee babal’tu ni beeyna.
Akkami dhugaaf soba kana addaan baasu dandeenya?
Professor David Elder, akka jedheti wanna dubbistu tokko bakka irra dhufe yoo hin himamin soba ta’uu nimala. Gorsi inni kennes ummataaf osoo waa share hin godhin yeroo lama sadi irra deebi’a qoradha jedhe.
Akka aadati har’a guyyaa April fool’s Day beekama. U.S. dhaaf garuu April 1st guyya taphati miti guyya Census Day beekama.
Misensa Siouxland taan tatte Erica DeLeon akka jetteeti guyyaan Cencus baay’ee barbaachisa akka ta’e himte. Sababaanis malaaqni motumma $1.5 trillion har’a kaanna raabsama.
Kanaa fu namni hundu waggati $4500 lakkawame qodama.
DeLeon akka jetteti online nama lakkahun baraanna akka jalqabame himte, kunis baay’e nuqarqaare sababaanis ummani saba dhukuba Korona dhaf waan mana taa’u jiruuf.