Oromo News 02/12/2021
Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.
Bulchittoni state talaali kennuudhaf magaalan duubatti hafan torbaan dhuftu keessa akka kennu jalqabuu hedan himan, akkaata gabaasa radio Iowati. Talaalichi kan qophaahu jiraattota irrati hundaate. Deparmantiin mana fayyaa Iowa ittigafatamtun Kelly Garcia akka jetteti county dhan keessati yoo xiqaate talaali parsanti 80% akka argatan himame. Garcia kara bilbilaan comment isii AARP kennite. County shanan maqaa hin dhoyne.
Deparmantiin mana fayyyaa Iowa akka jedheti guyyaa jimaata namni haarawa Covid-19 due 27 yoo tau kan haarawa qabame ammo 738 dha. Guyyaa hara’aa state akka gabaaseti namni waliigalatti corona virus due 5,223 akka tae websiten state himee jira.
Woodbury County seati 24 keessati namni haarwa covid-19 qabame 15 yoo tau namni haarawa due hin jiru. Akkasumas Aanaan Sioux City Community school akka qorannoo torbaani gabaasanitti namni haarawa qabame barattaa tokkoo fi hojataa tokko akka tae himan.
Southwest Iowa magaala Hamburg lolaa irraa ufeeggano jabaa akka dabalatuf guyyaa har’aa waraqaa fedraala irraa hayyaama argatani jiran. U.S Army corps guyaa harbaa magaala miila 8 bal’isuudhaf fudhanii jiran. Murtee kunis kan dhufee magaaladhaf 1,200 ta’an guddisuudhaf wagga 10 erga tolchee booda wagga kana keessa lollaa irraa akka eegaman godhee jira.
Senate Iowa keessati wamormiidhaf gahaa kan ta’an daylight saving time permanent akka godhuu himan. Senate state Government committee wagga guutu DST kan seera gidhuu murteese, garuu suni kan tau state jaha qofa kan naanawa Iowa jirani sochiin kan godhamu.
Guyyaa ayyaana bara haarawa qophii mana keessati kan qawwee dhokaase nama ajeese san intalii ijoooli sadiin san driving kenniteef kan himatamtee ture ani keessa hin jiru jechuun mormitee. Akkaata gabaasa Sioux City Journal Liliana Gutierrez umrii 20 kan taate qawwee seeran alaa fi ijoole sadii san qarqaaran Kanaan jedhame kijiba jechuun ufirraa mormite.