Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.
Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka jedheti sababa Covid-19 namni haarawa due kan akka hin jirre himan. Akka dhukuban kun jalqabe namni waliigalatti virus Kanaan due 6,072 dha namni Woodbury County keessati due 229 dha.
Akka waliigalatti namni haarawa qabame 40 yoo tau kan Woodbury County keessati kan qabame ammo 2 dha.
Akka qoranoo bultii 14 godhametti namni haarawa qabame parsantiidhan yoo kaahamu 2% dha. Kunis akka biyyaati baaye kan gad bueedha.
Ogeessa mana fayyaa Siouxland akka jedhetti torbaan kun torbaan dhuma kan dhukuba Covid-19 kan gabaasamu ni ta’a jenne abdanna jedhan.
Odefaanno biyyati guutu akka mullisutti dhukubsatoota hospital ajiranin ala wanni martuu akka dashboard state irra jiranhiman.
Ammati dhukubsattooni Covid-19 namni afur hospitaala Sioux City lama keessati akka yaalama jiran himan.
Siouxland District Health ammas akkumma barbaachisutti qarqaarsa virus akka kennu himee jira.
Ogeessa fayyaa State akka jedhetti Iowa keessati namni akka talaali corona virus fudhatanii haasawa Media adda addaa irrati akka godhan himan.
Campaign kunis yeroo summer Iowa dabalatee Tv fi online kan mul ifamu ta’a. namni talaali kana fudhate gara jiruu ufii kan qaraa kan deebiu akka tae himan.
Gov. Kim Reynolds torbaan darbe gaazexenyootaf akka gabaasanitti biyyi tokko tokko talaalidhaf lootare adda addaa kan godhan akka hin fayanne himan.
Jiraattoni Iowa Million 1.4 ta’an talaali corona virus guutu akka fudhatani jiran himan. Kunis waliigalati jiraatoni parcantii 45% akka ta’an mullisa.
Manneen hidhaa Iowa hidhamtoota talaali corona virus fudhatan guutumatti July jalqaba irrati akka qaaban laalun hayyamamu himan.
Hidhamtooni Iowa Percent 58% ta’an talaali corona virus guutumatti akka fudhatani jiran yoo tau percet62% ammo talaali jalqaba qofa akka fudhatani jiran himan.