A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Yeroo Hiriira nagahaa irrati pepper-sprayed facaasufi poolisin hidham gaazexanyaadhan warri murti a

Oromo News 03/10/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Yeroo Hiriira nagahaa irrati pepper-sprayed  facaasufi poolisin hidham gaazexanyaadhan warri murti akka bilisa bahan himan. Mormittooni dhima dhiiba mirgaa  irrati miidhuuf  itti xiyyeefatan fi seera murti mootuma haala hin taanen fayyadamu kan dhoogudha.

Guyaa Wiiyxta ayyaana yaadano wagga tokkofa corona virus Iowa keesati argameedha. Akka torbaanni guyaaa har’aati, Governor Kim Reynolds akka jetteti Iowa nama biraa kan corona virus qabame akka qabdu hin jiru. Reynolds akka gabaasteti torbaan dhuftu keessati jiraattoni Iowa million tokko ta’an talaali corona virus akka fudhachuu hedan himan. Reynolds akka jetteti nama kuma 950 akka fudhachu qaban himte. Kunis parsanti 27% ummata irraa kan ta’aniidha.

Jiraattoni Iowa parsantii 13% ta’an taali corona virus fudhatanii jiran. Wiyxata, ogeessi fayyaa gurguddoon akka jedhanitti nama umriin isaani 65 gad ta’an akka taali kennamu sababni isaas magaallan takka takka ummata nama gurguddaa talaali kenudhaan daddafanii waan deema jiranif.

Talaali dhaaf beelama qabachuun ammas ulfaatama. Jiraatonni Iowa wagga 65 fi san ol ta’an beelama qabachuudhaf kara “vaccine navigator” 211 bilbiluudhaf qabachuu ni dandeetu.

Jiraattoni Iowa umriin isaani wagga 65 fi sanii ol ta’an parsantii 94% kan ta’an talaali corona virus kan jalqabaa fudhatnii jiran, akkaata gaabasa Governor tti. Torbaan dhuftu,talali jalqaba 95,000 ol ta’an Pfizer fi Modern Vaccinnes  gara Iowa kan dhufu ta’a, fi talaali 4000 tau Johnson fi Johnson vaccine kan argamu ta’a.

Clinic talaalicha Mary J, Treglia Communty House Wednesday, March 17th  itti aanudhaf talaali qopheessa jira. Lakkoofsi register ta’uuf bilbilamuu 712 258 5137 dha. March 15th guyyaa dhuma itti galmaahu danda’aniidha.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content