A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Waraani state Iowa Covid-19 waliin godhan akkuma fufeti jira

Oromo News 03/12/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Waraani state Iowa Covid-19 waliin godhan akkuma fufeti jira. Iowa keessati talaali corona virus million 1 tau kennamee jira. Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka jedhetti guyaa jimaata talaali corona virus 1.03 million tau argattee jirti. Gabaasni million lakkaahamu akka talaali corona virus dabaluu godhee jira garuu jia dhuftu keessati namni guddaan bayen waan fudhataniif biyyatin fedhi dabalataan maal akka godhu hin beekamne.

Torbaan kana jalqaba irrati, Iowa call 211 center nama beelama talaali corona virus qabachuu hin dandeene nama umriin isaani 64 fi sanii ol tae bilbilnii tallaali akka qabachuun danda’aniif torbaan kana keessa jalqabame.

Qarqaarsi erga kibxata jalqabe booda, 211 namni umriin isaani deeme 2,123 kan ta’an HyVee pharmacies kan kaluu isaanitti jirutti beelama qabatanii jiru.

State Iowa akka gabaasetti jiraattoni hanga virus kun jalqabee as namni Covid-19 due 5600 akka duanii jiran gabaasan. Deparmantiin manan fayyaa Iowa akka gabaasanitti guyyaa har’aa namni sababa Covid-19 due 11 yoo tau 489 kan ta’an ammo haarawa qabamanii jiru. Akka qorannoo bulti 14 godhaniiti namni qabame parsantiidhan 3.9% dha.

Woodbury county seat 24 darbee keessati namni haarawa qabame 24 akka tae gabaasan.

Siouxland Community health center torbaan 6 dhuftu kana keessati akka health center program talaali corona virus akka seenu ni’eegama. Sagantaan kunis kan godhamef ummata  qarqaara barbaaduu fi sababa Covid-19 tiin warra miidhaman haakima talaaali seeran kennan irraati kan galmaahan ta’a.

Guyyaa jalqaba wagga tokko booda corona virus seene booda, Iowa state University’s president akka himetti faculty, dalaydoota, fi barattootnis bara barumsaa haarawa kan qajelaa ta’e akka eega jiran hime.

President Wendy Wintersteen aka jedheti wagga dhuftu barumsi kan tau class keessati, labs, studios, nyaanni, sochiin barattoota, fi qopheen cumpus akka jalqaba dhukkubni hin jirreti kan deebiu ta’a.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.