A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Siouxland hanga guya kibxata ganama seati 9 a.m ttii haali qilleensa qorraa akeekachiisa jala jirti

Oromo News 02/15/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni  Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Siouxland hanga guya kibxata ganama seati 9 a.m ttii haali qilleensa qorraa akeekachiisa jala jirti. National Weather Service akka jedhanitti haalli qilleensa qorraa parsanti 40 gad baaye kan sodaachisuudha jedhan.

Halkan edaa haalli qilleensa biyyattii keessatti, Sioux City dabalata haalli qilleensa -28 ture.

Ogeeyyin fayyaa Iowa akka jedhanitti talaali corona virus kan Iowa waliin gahuudhan qophii gahaa gochuu dhabuudhan, eejansii naanicha fi hojattoota gahaa dhabuu. Iowa state U.S hunda keessati osoo hin sutin tobaan lammaaf rarra’ee jira.

Website corona virus kan Iowa akka mullisuti jiraattoni Woodbury County 11,500 ta’an talaali corona virus argatanii jiran. Kunis clinica ummatala lama keessati percent 60 dabalee jira. Haatau malee, lakkoofsi biraa counties birraa keessati gudataa deemuma jira.

Hojaattooni kaampaani dhan fooni keessa baayinni isaani talaali corona virus fudhachuu didanii garuu baayyini dhiibaan lakkaahaman kan didanidha, kunis fayyaa jaraa balaarra kan ufbuusaniidha.

Talaali hojattoota jalqaba irrati akka kenamuuf union waamicha kan godhaa jiru yoo tau hojattooti kaanpadhinaf fooni barsiisudha fi waae talaali waan badaa haasawan balleesudhaf qophaahani jiru.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka mullisanitti namni 1 dabalataan sababa corona virus kan due yoo tau namni haarawa qabame ammo 200 ol dha.

Siouxland District Health nama haarawa qabame 10 qofa daballee jira  waliigalatti namni qabame ammo 13,500 dha. Qorannoo bulti 14 godhame keesati parsanti 6% gad xiqqaate jira. Namni sababa virus hospitala lama kan Sioux city keessa jiru nama 5 qofa. Tarbaan darbee dura nama 25 turee namni sababa corona virus hospitalla jiru.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content