A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Seerri haaroyni hojii irra olfamuuf jalqabamaa jira, sababa miidha bifaafi eenyumaa isaanitin irra

Seerri haaroyni hojii irra olfamuuf jalqabamaa jira, sababa miidha bifaafi eenyumaa isaanitin irra gahaa jiruuf poolisooni Iowa seera haarawa baafatan.

Hojiin walqixxumaa bakka bu’oota kutaa hundarraayu kan hammatu ta’a.

Miseensa naannawa itti gaafatamaa poolisa Sioux City Rex Mueller, Ike Rayford, NAACP kan naannawa fi Unity kan Community founder Monique Scarlett fa’a.

Manni fayyaa Sioux land akka gabaaseti magaala Woodbury county keessati namni haarawa COVID-19 qabame 9 yoo ta’u namni haarawa due hin jiru. Website coronavirus kan state akka mullisutti namni waliigala du’e 43 yoo ta’u kan qabame ammo 3,100 dha. akka kutaa guututti namni waliigalaan kan du’e 690 kan waliigaltti qabame ammo 26,600 dha. Kun kan mullisuu se’ati 24 keessati nama 250 olguddiseera.

Magaala Nebraska keessatti namni waliigalatti qabame 18,100 yoo ta’u kan du’e ammo 256 dha. Deparmentiin fayyaa Nebraska fi human service akka jedhetti guyyaa 14 dabran keessa magaala Dakota County keessati namni qabame 34 yoo ta’u waliigalatti nama 1,744 qabame. Madison County keessati nama 350 kan qabame yoo ta’u Thurston keessati nama 73 dha.

South Dakota keessati namni du’e 83 yoo ta’u, kan qabame ammo 6,300(6353) ol dha. Nama 117 Union county dabalatee.

Deparmentiin polisa kan Sioux City Siida Vandalism kan War Eagle Sioux City keessati kan argamu lalu jirani. Namni tokko mana fincaani irratti jibbaa gosumaa barreese. Dubbataan deparmentii poolisa akka jedhetti aadaa naannicha guddisuudhaf akka yaala jiran himan. Haguma fedhe bakka parki magaala ta’us bakka awaalacha jedhamee lakkaahama, kana waan ta’eef bakka awalchaatin kan walfakkaatun kabaaja argachuu qaba.

War Eagle kan du’e bara 1851 keessa yoo ta’u bakka laga Missouri bluff gubbarratti awwaalame. Bluff parkii keessati kan argamuudha akkasumas bakka awaalcha mucattii War Eagles fi ilma muccatti isaati dabalatteti.

Museum Sioux City karoora ji’a dhuftuu banuu qaba. July 7th irraa jalqabee facility karaa 4th downtown Sioux City irra jirraa se’aati seera isaatin kan jalqabu ta’a. iniis 10 a.m -5 p.m kamsaa hanga sanbataa fi gidirsanbata 1 – 5 p.m dha. Keesumoonnii addaan faggeenya fi haguugi fuula godhan jabeessina.

Museumiin exhibit bonaa haarawa waggaa 30th “Saturday in the park” mulliisa. kan waamamus ‘Saturday in the park yaaddano waggaa 29 tti”.akkasumas July 7th banama. Sanduraa banamuuf karoorfatame turee garuu July debarsame. kan autographed posters, photo baaye, dabalatee video fi audio highlights dabalata.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content