A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Sararri bakakkaa guyyaa wiyxata ganama bubbee guddaa, baradoo fi rooba muraasa eastern Nebraska

Sararri bakakkaa guyyaa wiyxata ganama bubbee guddaa, baradoo fi rooba muraasa eastern Nebraska fi Iowa keessati kan argame mukkeen jiysuuf fi human ibsaa addaan kutuun Sioux land dabalatee akka uumame himan.

Eastern Nebraska keessati bubbeen 70 mph gahuudhan rakkoo fiddee turte.

Hojattooni Tyson 4 sababa Corona virus erga du’an booda warri hojattoota caampaanicha seera duratti akka himataa jiran beekame. Hojattan Waterloo Facility keessa kan hojattuu April kara dhumaa irrati kan dueedha.

Akka seera himtoonni akka warra Tyson shakitettii dalaydoota isaani balaa dhukkuba irra akka geesu jirani fi nama akkaa yaadan fakkeessani akka miidhu jiraniifi akkasumas dhukkuba achitti argame kana ummata jalaa dhoysuudhan dalagaa ufii itti fufsiisani.

Tyson akka himetti namni du’uun baaye nuyaachise garuu seerri mormii kara dogongoratti deemu jira.

Lakkoofsi jiraatota Iowa corona virus qabame kara 49,000 ganama kana olgudattee jira. State keessati se’aati 24 darbe kana keessati namni tokko du’uu gabaasan.

Woodbury County keessati namni waliigalatti qabame 3700 yoo tau, kan guyyaa har’a qabame nama tokko dabalatee.

Namni du’emmoo 52 kan gahe yoo ta’u, kunis namatookko guyyaa gidirsaanbata du’e dabalatee, namni kunis nama dhiira umriin isaa 61-80 jidduuti argamuudha.

Dakota County keessati nama haarawa 9 qabame dabalatee namni waliigalatti qabame 1,900 yoo ta’u, kan waliigalatti du’emmoo 42 dha.

Colleges Nebraska kan dhunfaa fi mootummaa karoora isaaani kan ji’a kana mana barumsaa qaaman barsiisu hedan ituma fufu jirani, garuu seerawan adda addaa haarawa fudhachuu qabani akka dhukkubni kun hin babalanne dhooguf.

Bakkabuutoni kan college mootuma sadihii kan Nebraska fi college dhunnfa 13 akka jedhaniti barattooni kutaa keessati walirraa faffagaatani taa’u, seerra gareeti argamu gan nixxiqaata fi haguugi fuula dirqama campus state guutu keessati godhachuun. College kunis adada ummani seenun oo’a namaa laala seensisuuf karoora godhu jiru.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content