A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

President Donald Trump boru Cedar Rapids daawachuf karoorafataniiru

President Donald Trump boru Cedar Rapids daawachuf karoorafataniiru. Torbaan tarte keessa sababa bubbeen rakkoo uumame sababatee hojattooni mootuma iyya wan galfatan san hayyaama Donald Trump mirkaneesse jira. Governor Iowa Kim Reynolds dolaara billion4 gaafate.

Websiten Corona virus kan Iowa lakkoofsa nama haarawa qabame gad xiqqeessa sababa rakkoo qabaachu isaarra. Nersiin magaal Iowa, wiyxata akka jetteti deparmaantin mana fayyaa Iowa nama dhukkubaa Kanaan qabame xiiqqqa ta’u kan gabaase dhugaa ta’uu himan.

Deparmantiin mana fayya Iowa namni haarawa qabame 300 ta’uu himan akkasumas namni haarawa du’e gidirsanbata ganamaa irraa hanga wiyxata ganamaati nama 4 ta’u gabaasan, akkaata Website corona virus kan state ti.

Har’a ganama 10:30 irrati, IDPH akka gabaasetti namni waliigalatti qabame 52,617 yoo ta’u waliigalatti namni du’e 979 ta’uu gabaasan. 

Deparmantiin mana fayyaa Sioux land Woodbury county keessati namni haarawa 2 Covid-19 du’uu gabaasan.

Kunis Woodbury County keessati namni waliigalatti due 54 akka tae mulliisa. Akkasumas deparmaantin namni haarawa qabame 3 ta’uu mullisa. Waliigalatti Woodbury County keessati namni qabame 3,816 gahuu mullisa.

State Nebraska keessati namni qabame 30,372 yoo ta’u kan du’emmoo 361 akka gahe himan.

South Dakota keessati guyyaa har’aa namni haarawa qabame 86 dha. Waliigalatti South Dakota keesati namni waliigalatti qabame 10,360 yoo ta’u waliigalatti kan du’emmoo 153 gaheera. Union County keessati namni haarawa du’e 4 yoo ta’u, Yankton County keessatimo 3 dha. 

Umanni Sioux City ji’a kana dhuma irratii multiplex theaters akka movie laalu danda’an himan. Promenade 14 cinema kan Sioux City guyyaa jiamaata kan banamu ta’a.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content