A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News

Oromo News 12/01/2020

Governor Iowa Kim Reynolds akka jetetti akka dhukubni kun jalqabe November keessa lakoofsi baaye kan ol ka’eedha.
Akka isiin jetteti jia November keessa torbaan jalqaba namni 28,000 haarawa kan qabame ture kunis parsantii 32% dha.
Lakkoofsi kunis qixxeen isaa kan torbaan ayyaana Thanks giving ture.
Reynolds akka jetteti yeroo kanatti virus too’achuf yaalin godhame bareeda taus jiraattoni Iowa ammas uf eegu akka qabaniifi seera haakimoota akka hordafan himan.
Guyyaa har’aa, deparmantiin mana fayyaa akka gabaaseti namni haarawa due 24 kan gabaasan yoo tau 1,900 ammoo haarawa kan qabamaniidha.
Reynolds akka himtetti namni hospitaala galuu akka state guututi xiqqate jira, garuu Woodbury County keessati miti. Manni fayyaa Siouxland akka gabaasetti hospitaala Sioux City keessati dhukubsattootan 108 akka jiran himan. Kunis guyyaa marraa kan guddatuufi yoo tau kaleesa nama 102 ture.
Governor nis sababa dhukuba rakkina sammuu irrati kan uumame dubattanii jiran. Akka isiin jetteti March as hanga September tti namni 319 kan ufii ajjeefamanidha Iowa keessati, lakkoofsi kunis waggaa lamaan darbe kan taruudha.
Websiten covidrecoveryIowa.org ummata depression ykn cinqii, sodaa fi dhukuba mataa biraatan kan rakkatan  kan qarqaarudha.
Sagantaan kunis Iowa keessati waa’e COVID irrati hojattoota 105 tiif tolaan gorsaa vidiyotiin fi qarqaasra biraa qarqasaa matii dabalee kan qarqaaru ta’a.
Governor dabalataan waaye barumsaa DesMoines irraa haasawa gotee turte. Akka isiin jettteti kaayyon isii tokkofaan ijoole kutaa keessati akkka baratan goosisu, erga ijoolen baayen karaan jarri naman walqunaman karaa mana barumsa waan taef fi nyaata gahaa lee achumarra waan argataniif. Manni barumsa West Middle kale gaaman mana barumsati deebiani jiru erga torbaan lamaan tare sababa dhukkubi chi keesati argame cuufme booda.
Karaa talaalitin governor Iowa Reynolds akka jettu jiraattoni Iowa osoo waggaan kun hin sutin talaali corona virus akka argachuu danda’an himte.
Galatooma 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content