A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News: 11.17.20

Oromo News 11/17/20

Deparmantiin mana Fayyaa Iowa se’aati 24 keessati namni haarawa sababa covid-19 kan due nama 35 yoo tau haarawa kan qabame mmoo 3,500 dha. Dabalataanis namni baayen hospitaala galee jira.

Akka oduu conference guyyaa har’aati, Governor Kim Reynolds jetetti haali dhukubicha yoo kan hin jijjiiramini virus toohachuudhaf seera dabalataa akka murteessan himan.

Akka isiin jetteti dhukkubsattooni hospitaala keessa jiran akka dhukubni kun jalqabe irraa baaye akka guddate jiru himan.

Halkan kale, Reynolds seera fayyaa dabalataa baste jirti, haguugi fuula alatti godhachu dabalatee fi gamoodhan keessati tarkaanfi 6 wal irraa fagaatani daqiiqa 15 turamuu akka danda’u himan. Haata’u malee CDC akka jedhetti waanuma xiqqaatu dhukkuba babalisaa deema jedha.  Reynolds seerawan hojiirra oolchuf seera mootuma fayyadamuun akka ulfaatu danda’u himte.

Woodbury County keessati namni tokko dabalataan due jira waliigalatti namni due 108 gaheera, haarawa kan qabame ammo 42 dha. Qorannoo bulti 14 keessati Woodbury County keessati parsantiin namni qabame 23.3% gaheera. Lyon County keessati baayye kan guddate yoo tau northwest Iowa 36.2% dha.  Akka state Jones tokkoffaara kan jirrudha innis parsantii 49.4% dha.

Governor Nebraska Pete Ricketts namni malattoo dhukkubicha yoo ufirrati argan mana taa’u qaba jedhe, osoo virus qabaachu baataniille. Innis ummata hime C’s sadiin akka eegataniif kuniinis, 1. (Crowded place) bakka ummani bayeen jirurraa uf eegu, 2. (Close contact) walitti kaleenya fi 3. (Confined spaces) bakka senuu dhogamuu fagataana hime.

Hojaatan White House akka jedhetti babalinni Nebraska keessatti “kahinjijjiiramneefi” warra itti gafatamaan seera guddaa fudhachuu qaban jedhan ajajni haga amma kenname akka faayida hin qabne hime. Yeroo jalqabaati hospitaala galuu baayata deemef xiqqeesudhaf seera dabalataa akka fudhatu himan.

Hojiin humnaa akka mullisutti virusing kunni Iowa keessatti baaye akka babal’atee akka jiru himan.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content