A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 06.23.21

Oromo News 06/23/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Qophii bara haarawa irrati namichi jiraata Sioux City waggaa 20  tae qawwee dhokaasun intala takka akka ajeese amane. Christopher Morales intala Mia Kritis jedhamtu tan waggaa 18 ajeesu isaatin irrati murtaahee jira. Isiin kan ajjeefamtee fi namni sadihii biraa wayta Morales fi hirriyyotan isaani jiranitti akka madaahan himan. Obboleesi Morales umrii waggaa18 kan tae first degree ajechan irrati murtaahe jira.kan biraa umrii 18 kan tae ajjeecha sedarkaa 2ffa irrati murtaahe jira.

Waliigalaan Attorney kan Iowa Tom Miller biyyati keessa kan jiru priest abuse irrati ibsa baase jira. Akka qoranno godhanitti qeeysota catholic 70 fi nama 50 sexual abuse fi amala dhabuu dabalani jiru.

Gabaasan kan laalan church dheera, miidha nama dhukubsuu fi abuse fi dhoyysan jiraatu waggaa 10 darban kannin keessa jijjiiramni akka jiru himan.

Iowa Governor Kim Reynolds akka gabaastetti state seera barumsa sadiin keessati birrii million doolara 3-akka baasu jirtu himte.

Million $20 kan Iowa Department barummsaa fi university Iowa akka barattooni mana barumsaa keessati waan barbaadan maraa argataniif akka qarqaaran kenname jira. Birrin hafte kan biraa ammo aana mana barumsaa Council Bluffs fi Waterlo kan ergamu ta’a.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa sababa Covid-19 namni haarawa due kan hin jirre yoo tau namni haarawa qabame ammo 110 dha. Akka state namni hospitaala yaalamu jiru nama 69 kan ta’an yoo tau namni haala sodaachisaara jiru nama 20 dha.

Ogeessa Mercy Medical Center fi UnityPoint Health-St Luke’s akka jedhanitti baayiini isaani talaali kan hin fudhatiniidha.

Hojiidhabdooni Nebraska state keessati baaye xiqqaa kan tae yoo tau May keessale baaye gad bu’uu jira.state hoji dhabdoota 2.6% kan ta’an yoo tau akka biyyati lamaffaa irra jira. Lakkoofsi amma jiruu May keessa harka lama ture.

Kuni kanumaan osoo jiru, hojii dhabdummaan Iowa keessati akka biyyati guututti 10th kan jiruu yoo tau inis 3.9% dha. Hojiidhabdooni U.S May keessa 5.8% dha.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Oromo News 06/22/2021Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Wiyxata seaati booda Woodbury County…