A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 06.16.21

Oromo News 06/16/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Governor Iowa Kim Reynolds qabeenya haakima naanicha kan gibira irraa balleesun qarqaarsa haakima kan sammuu kan qarqaaru gibira jedhan mallateesite jirti.

Tarkaanfin kun kan guyyaa harbaa seera tae kun bara 2025 mootuman kan kaffalu yoo taus waggaa sadi dura kan ibsame galiin hir’achuu bara 2023 kan January kan jalqabu akka tae himan.

South Sioux City Council himannaa 16 kan magaala irrati dhihaatefi amma kan jalaa dhume plant biogas irrati gahee isaa bahachuuf birrii qixee million akka kenne hime.

Warren manaa akka himannaa dhiheesaniiti faabrikicha irrati seera lolaa gad dhiisu biyyati rrati qilleensa faalame gad dhiisudhan akka manneen isaa balleesan himan.

Waliigalteen Big Ox Energy, insurance compains sadiihii fi kaampanidhan lama kan biraa waliigalatti doolara million 1.75 akka kafalan magalaachi hime jira.

Big Ox operation uumudha fi gurguuradhaf  kaampani jajjaba bishaan qulqulluu hin tain addaan baasuf September 2016 kan jalqabeedha. Hanga bara 2019 cufamuuti badii naanicha baaye irrati hamatame ture.

Ogeessi fayyaa northeast Nebraska gosa Covid-19 haarawa ibsani jiran. Delta variant kan argame india kan tae yoo tau baayinan akka dadafee darbuu dandaus himan.

Nebraskan akka himanitti nama guddaa umriin isaa deemef talaali corona virus harki 70% akka fudhatanii jiranifi nama amma fudhatu xiqqaata akka jiru himan. CDC akka jedhetti jiraattonin Nebraska waggaa 18 fi sanii ol ta’ani percent 63% kan ta’an taalai jalqaba kan jalqaba akka fudhatani jiran himan. Kunis akka state guututi harka 24 akkka jiran himan.

Ogeessi fayyaa South Dakota akka jedheti akka dhukubni kun jalqabe irraa baaye kan xiqqaate jiru taus namni taali kana fudhachuu yoo kan didani fall keessa dhukubni kun akka dabaluu alu himani jirani.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Oromo News 06/15/2021Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Magaalan Sioux City akka ummani nama mana…