A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 05.21.21

Oromo News 05/21/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

State Siouxland sadii keessati dhukkubni corona virus xiqqaacha deemu jira.

Iowa keessati qoranoo bultii 14 godhameen namni corona virus qabamee jiru parsantii 3%dha kunis baaye xiqqaachu kan mullisuudha.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaaseti namni haarawa due 7 yoo tau kan haarawa qabame ammo 176 dha, kana keesa namni 4 Woodbury County keessati kan argamuudha. Siouxland District Health namni kamuu waggaa 12 fi sanii ol tae talaali corona virus akka fudhatan himan.

Nebraska keessati state vaccine dashboard akka mullisutti namni isaa 16 fi sanii olta’e present 53% akka talaali corona virus guutu fudhatani jiran himan. Namni haarawa qabame 100 yootau namni hospitaala jirummoo 75 dha.

South Dakota keessati namni qabamu 17 gad xiqqaate jira.guyyaa jimaata namni haarawa qabame 34 yoo tau kan duemmoo namuu akka hin jirre gabaasan.

Nebraska fi South Dakota bakka issaani aaka biyyatiti lakkoofsa nama hojii dhabdoota gad xiqqaa kan tae kanqabaniidha innis persentii 2.8% dha. Jaris Utah fi Hampshire kan walqabataniidha.

Hojidhabdoonni Iowa April keessa 3.8% kan tureedha. Sadarkaan jiraattota Iowa akka bbiyyati sadarka xiqqaa 10 irra jirani fi akka biyyati guututi April keessa 6.1% dha.

Guyyaa har’a US environment protection agency akka gabaasetti magaala Sioux City $300,000 Brown field grant akka kennamu himan. Birrii kunis bakkeen barbaachisu kandeemudha stockyard qaraa fi downtown dabalatee.

Related Content
  • Oromo News 05/20/2021Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Akka ganama kanaati barattooni, barsiisoni…