A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 05.15.21

 

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Eeydonni dhukkuba magaala Sioux City haasawa yeroo kaluutti godhan keessa namni talaali Covid-19 mulumatti fudhate hundi isaaniti ammaan booda haguugi fuula godhachuun akka hin barbaachifne himan. Haguugi fuula Buufata xayyaraa Gatewat, Goree Otoobisii magaala, fi Martin Luther King Ground transportation center keesssati akka godhatamuu himan. yoo bakka namni baayen walgahuu jiraatan magaala keessati haguugi fuula godhachuun akkuma dirqama ta’etti jira.

Bakkeen daldalaa dhuunfa seera ufii kan addaa qabaachu danda’u kanaafu seera isaani hordafuun umattasan akka kabajan akka ta’uu qaban himan. Ammati Jiraattoni Woodburry County keessa parantii 33% ta’an talaali corona virus muluu isaa fudhatani jiru. Odeefannoon talaali corona virus fudhachuuf beellama qabachuu yoo kan feetani Siouxland District Health Department 279-6119 yookin www.siouxlanddistricthealth.org deemun argachuu ni dandeetu.

Lallabdooni amatiin magaala sanabata kana fi gidirsanbata kan kadhannaa godhan seera amma sababa dhukuba jiru kana hordofuudhan akka gochuu qaban dura buutoni himani jiran. Seerri sunniinis haguugi fuula godhachuu fi addaan fageenya ufii eegachuu akka tae himan. Seerri jalqabaa kunis guyyaa sanbataa March dhuma irrati kan seera irra ooludha. Ogeessi Bishop R.Walker Nickless akka jedheti, seerri Covid-19, fi biiron amantoota seera haaraawa CDC kan amma bahee akka kaluuti fudhachuu dandau himan.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Bakkeen dhukkuba itttisanii fi hordafan har’a akka jedhanitti…