A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 05.10.21

Oromo News 05/10/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.    

Lakkoofsi nama Covid-19 qabamu State Siouxland sadiin keessati gad xiqqaatu jira.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka mullisutti namni haarawa sababa Covid-19 due kan hin jirre yoo tau namni haarawa qabame ammoo 100 ol dha. Woodbury County keessati namni haarawa qabame akka hin jirre himan.

Woodbury County keessati qorannoo bulti 14 keessati godhame parsantii dhaan yoo kaahamu 3.3% akka tae himan, akka state guututi gimmaasha isaa akka gad xiqqaa tae himan. Sioux City keessati namni corona virus qabame saddeet yaalamu jiran. Waliigalatti namni Woodbury County keessati due 228 yoo tau namni 82 Dakota County keessati namni haarawa 9 ammoo har’a dabalame jira fi qoranno bulti 7 godhame irrati 3% dha. Nebraska ammo guyyaadhan namni 186 kan qabamuudha.

Kuni kanumaan osoo jiru, South Dakota keessati namni qabamu gad xiqqaata deemu dhufee jira, namni tokko kan due fi namni haarawa qabame 77 dha.

Iowa federal government jalatti $billion 1.5 state corona virus midhaman qarqaarudhaf kan argatteedha. Wayta dhukuba dalagaadhan bade bakkati deebisuuf tax irrati galii baaye gad xiqqaate guutudhaf kan kennamedha.

Nebraska $billion 1 kan argattu ta’a.

Lakkoofsi jiraattoota Nebraska umriin isaani guddaa tae qixxeen isaani talaali corona virus kan fudhtani iran akka tae kan mullisuudha. Talaali million 1.5 tae nama umriin isaa 16 fi sanii ol tae hundaayu kenname akka jiru himan. Talaali kennuu biyyati guututti kan mullisu yoo tau garuu wayta duraa irra talali kana fudhachuun xiqaata dhufu jira.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya. Deparmantiin mana fayyaa Iowa nama 18 haarawa dabalataan akka…