A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 05.06.21

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Senate Iowa namni talaali corona virus argate kan jedhuu kaardi akka hin kennamne gabaasa jedhu baasani jiru. Safariin ammati Governor Kim Reynolds malattoo isii kan eegu ta’a.

Daldaltooni nama bira dhaquu waraqaa talaali fudhatan laalu yoo kan barbaadani daldaltooni qarqaarsa mootuma fi waliigalatte irrati hojachuu qabu. Warra fayyaatif wanna adda tae jira, fi hojjattooni talaali yoo kan fudhatanii hojattooni akka gaafataman ni hayyamama.

Kuni kanumaan osoo jiru, jiraattoni Iowa talaali dabalataa akka fudhataniif qarqaarudhaf qophiin dabalataa godhamu jira.

Jiraattoni Iowa umrii deeman yoo xiqaate percent 57% ta’an talaali corona virus kan jalqabaa fudhatanii jiru. Akka ganama  kanaati jiraattoni Woodbury County percent 32% ta’an talaali lamaanu fudhatani jiru. Siouxland district Health jiraattota talaali kana hin fudhatanii jiraachu isaanii addaan baasani beekuf yaalu jiru.

Tyson bakkaa health center “pilot” jedhamu Storm Lake May 26th banuuf karoorsite jirti. Storm Lake bakka qorannoo jahan keessa kan jiruudha. Akka gabaasa Tyson tti , clinic storm lake irrati hojattoota 3000 olii fi wara isaanitif qarqaarsa fayyaa akka kennu himan.

Ogeessi fayyaa state akka jedhetti south central Nebraska keesatti dubartiin takka talaali corona virus lamaanu kan fudhatte takka sababuma virus kanaa akka duute himan.

Deparmantiin fayyaa Nebraska fi Human Service akka jedhanitti dubartiin sun wagga 80 keessa kan jirtuu fi dhukkuba biraas akka qabdu himani jiru.

Sioux city gabaan qonnaan bultoota har’a baname jira. Roobni har’aas akka jarri Meesha isaani baasan hin dhoogine kan akka nyaata, biqiltuu fi meeshadhan biraa.

Gabaan qonnaan bultoota kunis guyyaa harbaa fi sanbata maraa hanga dhuma October rrati seaati 8 a.m  hanga 1 p.m kan banamu ta’a.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Police Sioux City akka himetti intalla hiriyaa isaa qarqaaru…