A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 05.04.21

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Police Sioux City akka himetti intalla hiriyaa isaa qarqaaru wayta dhaqu kan ajjeefame yoo tau namni lamaa Kanaan kan shakamuudhan qabani jiran.

Marten Harrison umriin 22 kan tae, jiiraata Sioux city, erga naanna seaati 1 a.m guyyaa sanbataa dhahamee booda kan dueedha. Guyyaa sanbataa alatti Uncle Dave’s mana dhugaati karaa West Third Street irrati.

Deparmantiin police Sioux City naanna Sioux city qixxeeti kan argamu Perkind keessati guyyaa kamsaa wanna uumame qorachu jira. Akkasumas deparmantiin camera qama miidhama kan tae gad dhiise jira. Video gabaaba officer fi nama gurraacha tae jidduuti wal bu’iinsi wayta bu’uu online irrati gad dhiifame jira.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasaniti sababa Covid-19 jiraattoni Iowa namni haarawa 7 du’uu gabaasan. Namni haarawa qabame ammo 130 yoo tau kana keena keessa namni sadihii Woodbury County keessayi.

Bulchaan mootumma federal Iowa hamma talaali corona virus naannicha hangi dhiyaatu kara sadii afraffaati akka xiqqaata jiru himan. Sababni isaaf namni talaali fudhatu xiqqaata waan dhufeefi.

Qorannoon haaroyni  Iowa, South Dakota fi Nebraska dabalatee Midwest 9  fi plain state keessati economy erga dhukuba kana booda akka seeratti deebia jiru himan.

Qorannoon waliigala  kunis akka mullisutti waggaa fi jia sadii dura kan jalqabe ture.

Ministeeri googinsa America jia April keessa state Iowa North-west keessati gugiinsi guddaan akka uumame himan. Magaalan gurguddoon gogiinsan dhahaman keessa sadii Sioux, O’Brien, fi Clay dha. Woodbury County keessati yeroon darbe kan qorannoon godhametti akka gogiinsan xuqamte himan. Haatau malee, waliigalatti state gogiinsa guddaa muudatame jira.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.